Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Irreechi Malkaa Araaraa, Wallaggaa Naqamtee Irratti Kabajame

Posted: Sadaasa/November 19, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (3)

Sadaasa 16, 2014 Wallaggaa Naqamtee irratti gaggeeffame.

Irreechi barana Sadaasa 16/2014 Malkaa Araaraa irratti tahekan Wallaggaa Leeqaa Naqamtee irratti taasifame uummata lixa Shagarii fi Wallaggaa magaalaa Naqamtee fi barattoota yuuniversitii fimanneen barnootaa garagaraa guutummaatti kan hirmaachiseedha. Waggoota tokko dura kan gaggeeffame baayinniuummataa kan baranaa dachaadhaan akka dabale uummata kumaatama hedduudhaanlakkaawaman hirmaachise jira.

Buufata malkaa kanatti Qeerroon sirboota qabsoo garagaadhageessisee jira, keessattuu dhaadannowwan:
– Qaroon Oromoo ABO dha.
– Yaa Oromoo mirgakeef ka’ii falmadhu
– Nuti Oromoodha, nuu haa beekani.
– Oromiyaan ni bilisoomti kan jedhuu fi sirbootniqabsoo hedduun uummata kakaasuu fi sirboota qabsoo qeerroodhaan sirbamankeessatti poolisoota kan hirmaachise uummata waliin sirboota Qeerroo irrattihirmaachuudhaan haala nama boonsuun kan gaggeeffameedha.

Akkuma olitti ibsuuf yaaleetti uummanni jiraattootni garashawaa lixaaa jiraatan hunduu ayyaana irreechaa malkaa Araaraa kana irratti kanargamaniidha. Irra caalatti barattoota yuuniversitii fi koollejjii akkasumamana barumsaa sadarkaa garagaraa magaalaa Naqamtee, Siree, Baakkoo fi kkf niinkan dhuunfatameedha. Sochii qeerroodhaan godhame keessatti humni waraanaa poolisoonni jiran hunduu uummata waliin haalahoo’aadhaan guyyaa kana kan kabajanii oolanii fi dhaadannoolee uummata Oromoof waamicha taasisu, uummata kakaasan irrattillee kan hirmaatanii jiraniidha, uummanni hunduu kan irreecha kana irratti argaman nageenyaan bahee guyyaakeessa sa’a 7:30 irratti gara qe’ee isaatti kan galeedha. Guyyaa irreecha Malkaa Araaraa kana ilaalchisee gabaasa dabalataa isiniin geenya, waraabbiiqabnuuf haala mijeessinee isiniin geenya, nu eeggattu!

Qeerroo.org

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Credits/Tags: , ,

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. negasso Reply

    November 19, 2014 at 8:45 am

    qabn yoo tokko ajjese kumati lakawati garuu ajechaniif hidhaani ukamsaani Lami kenyaaf daraani cimsa qabsoo Kenya dhaloota dhalati kan darbajiru too ta’uu dalagaan hangs hardhatiis kan akka jaaraalle dhala Oromo hadholi da’immani dayani akka harms hin hosifne akka loniti qaluu barate amma inni suni samuu dhaloota dhaloota to dabarsani jiru kun garaa laafumaa oromoni qabuu hero obsa nufixachise garuu mee haraa miti rajiin rawachuuf Jira gaafi tokko garaa keena has bultu.

  2. Lammii Baatii Reply

    November 20, 2014 at 5:59 am

    Dhugumayyuu Tokkuummaa Baga ittiin isin gaye baga nagaan hofkoltani.

    Lammiin Tokkoome Tulluudha Yoo dhiiban hin jigu.bakka jirrutti haa jabaannu yaa lammiiko!!

    I U O

  3. Dhugaa Baasaa Reply

    November 20, 2014 at 12:18 pm

    Waldaan kun attamiin biyya keenya maratti babbal’achuu danda’aa/ hedduun ittii gamade.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *