Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Tolchaa Wagii:- Galmee Seenaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa

Posted: Sadaasa/November 26, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (16)

Tolchaa Wagii irraa

Seenaa Alamuu Qixxeessaa 11 Oromo 2014

Seenaa Alamuu Qixxeessaa 10 Oromo 2014

Seenaa fi eenyummaan Ummata Oromoo gita-bittoota habashotatiin, awalamee, irra deemamaa ture, boolla keessaa basaanii bakka ganamatti deebisuuf, kutannodhan Mootummaa sirna H/Silasee keessatti wareegama barbachiisu mara, kaffalanii dhaloota harraa fi boritii karaa kan saaqan gotoonni Dacheen Oromiyaa biqilichiite heddudha. Isaan keessaa bu’ureesaa fi Presadaantiin Waldaa Maaccaa fi Tulamaa kan turan kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa nama durati.

Koloneel Alamuu Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa eegalee, hanga gaafa adeemsa isaanii fixanitti (09/11/2001) Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa jalaa ba’’ee abbaa biyya isaa akka ta’u, murannoodhan hojjataa akka turan dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907 Walitaajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun Qixxeessaa bakki isaan itti dhalatanii guddatan, magalaa Jalduu fi nannoo biroo manni baruumsa hammayyaa, waan hin jirreef mana barnoota Qeesii seenanii barataniiru. Abban isaanii obbo Qixxeessaa yaadatee, ilmi isanii akka isanii baratu, waan barbadaniif, gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa warana biyyitti keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa “Kubuur Zabanyaa” jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.

Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramanii osoo hn bubbuliin maqaa ajajaa 50 gonfotanii osoo jiranii, gara warana “Maa’icaaw” akka duulan godhaman.Warana Maa’icaaw kan Xaalyaanii waliin godhame kana irratti, Koloneel Alamuun luka isaanii, rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jirataa jiranii, biyyittiin Warana Xaalyanitiin weeraramitte.

Koloneel Alamuun jaginummaa fi gotummaa umaman qabaniin warana Xaalyanii, isa hanga funyanitti hiidhatee jirun, diinni adii fi gurracha hinqabu? jechudhan warana Xaalyaanii qabsoo hiidhannotiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhiibee qorchii, hin argaminneef kan ummata hedduu fiixaa ture dhiibee “Taasiboo “jedhamee beekamun qabaman.

Koloneel Alamuun dhiibee kan irraa akka caarraa ta’ee irraa fayyan illee, abban isaanii obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatii isanii addee Haayyuu Roobii dhiibee kana irraa fayyuu hin dandeenye. Lameen isaani iyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophatti dhiisanii adunyaa kana irraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban, Koloneel Alamuu irratti gaddi, dachaa dhachadhaan irratti fe’ame. Obbolewwaniif maatii isaanii hunda jirachisun dirqii itti ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaalyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaalyanitti kufan.

Waranni Xaalyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murittii du’aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeeefamuu isanii osoo eeggachaa jiranii, Xaalyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan, gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan “nama kiyya qabiddanii kana isiin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkifiittan malee harka kiyya hin keennu! jedhe.

Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Faayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtawe, mana hiidhaa isanii keessaa basanii gadi dhiisan.

Koloneel Alamuun akkuma mana hiidhatii hikkamaniin, gara birootti osoo hin goriin Warana Diribissaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalama. Gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa eerga mana hidhatii hiiksifateen booda, gootota bara sana nannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigissaa Faajjii, Diinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa Qubatee jiru irratti lola banudhan hanga dhumatti lolaa turaniiru.

Tafarii Mokonnoon (H/ Silaseen) akkuma Xaalyaniin biyya waggaa 5f qabattee turte gadi dhifiteen biyya itti baqate irraa gara angoo isaatti deebi’e. Gotonni Oromoo waggaa 5n guutuu kan Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa Angootti deebi’uu H/ Silasee mormaa akka turan keessa beekitonni ni dubatu.

Koloneel Alamuun akkuma Mootummaan Sirnni gonfoo dhabbateen mana barnoota akkadamii warana “Hoolotaa” seenaanii barataniiru. Bara 1944 gara kaaba Ithiopiyaa “Ambalagee” bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun mana Barnoota akkadamii warana Hoolotattii barsiisaa ta’ani waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/ Silasee keessatti sadarkaa gadii irraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isanii kana keessatti, Mootumman sirnna gita-bitoota Habashootaa ilaalichi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka garitti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta’uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana warana biyyitti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyitti keessa jiran irratti, kan rawwatamaa ture haala qabatamadhan argaa turaniiru.

Maaccaa fi Tulamaa

Qabsoon Ummani Oromoo bilisummaa isaaf godhu kanaaf daandii kan saaqae, hundeeffama Maaccaa fi Tulamaa akka ta’e hubatamadha. Maaccaa fi Tuulamni Mootummaa sirna naafixanyootatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo magalaa fi baddiyyaa Oromiyaa keessatti Waroon saliphiinaa irratti diririfamee jiru jalaa basuuf, Wareeggama barbachiisu mara kaffalanii dhaloota harraa kana biran gaahaniiru.

Rakkoo Ummani Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhabbate kan keessatti, Koloneel Alamuun caalqaba irraa eegalalnii hanga gaafa adduyaa kana irraa darbanitti, gaafa tokkollee dadhabe osoo hin jedhiin Presedaantii Waldaa kanaa taanii halkani fi guyyaa hojjataa akka turan seenaan raggadha.

Koloneel Alamuun, Barreessaa Waldaa kanaa kan turan H/ Mariaam Gammadaa waliin ta’udhaan Oromoni bebeekkamoo ta’an akka waldaa kana keessatti miseensaa ta’an halaan irratti hojjataniiru. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa Jeneraal Tolaa Badhadhee Jeeneeraal Jagamaa keelloo Dajazimaach Dani’eel Abbabaa (ilma Raas Abbabaa Haaragayi) Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne.

Akkeekinni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa Beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii Ummata Oromoo duukkana keessa jira kana keessaa, gara ifaatti baasuu waan ta’eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan walii galameef caalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Mana Barumsaa Jalduutti Banuu

Koloneel Alamuun bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu, manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen anaa Jalduu akka barnoota ammayyaa barattee ija banattu lafa magalaa Jalduu qaban irraa kaare meteera 10,000 ol eebbisaanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 tti bananiiru. Haluma kanan, Kabbadaa Buzunash Misooma aada’aa bargaa fi goroo Makootii kaare meetra 20,000 yokeennan miseensonnii fi hogganoon Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi huminna isanii waakki tokko malee wareeganiiru.

Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/ Silasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaddoo keessa isaan galicheera. Waldan Maaccaa fi Tulamaa Xiyyeeffannan isaa inni guddaan, Ummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta’eef ummani Oromoo ammoo, yoo of bare, akka isaan harkaa ba’u, waan beekaniif adeemsa Waldaa kanaa gababiisuu akka qaban murteefataniiru.

Keessattuu Waldan kun of keeessatti hammatee kan qabu (Hoggantoota Waranaa, hojjatoota Motummaa, baratoota fi Qotee bulaa Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidamaa, Walaitaa …) waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.

Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/ Silasee biratti ija hamadhan ilalaamaa turaniiru. Sababiin isaas yeroo Oromooni Raayyaa of irratti lolataa turan Waranni meeshaa ammayaa hidhate, itti duuluu hin qabu! kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa Poolisii ta’uu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/ Silasee biratti waamamanii diniin cimaam eerga keennameefiin booda, guddiin karaa seera mana waranatiin keennamuu malu hunda, hanga Waggaa 5 tti akka hin kennaminneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjataa turaan irraa gara biratti akka jijiraman godhamaniiru. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin wal qabateen H/ Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/ Silasee irra, yeroo dhiyatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/ Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti? yeroo jedhaniin, H/ Silaseen isa eenyutu nutti himi? siin jedhe jedheen jedhama.

Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa)

Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa)

Ajajaa dhibbaa Abarraa Alamuu ilma Koloneel Alamuu Qixxeesa isa durati. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta’ ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay, Finfinnee yeroo dhufu, lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/ Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmamee fatiin ajjeefame.

Koloneel Alamuun ilmi isanii lola isaa hin mallee, kana irratti du’uu isaa bayyee akka gaddan keessa bekitoonni ni dubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/ Silasee irra dhiyatan, lola irratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif “luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaraminnee biyya keenya keeessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e?” jechun gaaffii deebii hin argannee hoggantoota Mootummaa H/ Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaani Abbarraan Mootummaa isaanitiif du’uu isaa hedduu akka gaddaan keessa bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu Hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan kun, akka dhabamee badu, kaabinoota H/ Silaseetiin hoggantoonno waldaa kanaa, soban yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti muraweera Hiidhaa ciimaa waggaa 10 Maqaan isaanii Koloneelummaan akka irraa muliqamu.

Yeroo mana hiidhatii hiikkaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu, kan jedhu itti raggasifame. Koloneel Alamuun akka Ummani Oromoo isaan arguu ykn gafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabira-taboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo Mootummaa H/ Silasee kaabinoota isaa waliin wal qabatee gara awwala isati qajeelu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hikamaniiru.

Erga mana hiidhatii hikkamanis Ummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti analewwan fi kutalewwan Oromiyaa keessa nanawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan, waajiraa ABO yeroo sanaa, Gullallee jiru dabalatee isaan keennaa turan, Mootummaa wayyanee biratti isaan balaleefachiisu illee, sodaa tokko malee ummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.

Bara 1992 keessa, matan wayyanee Mallas Zenaawii bakka jirutti, wamamanii osoo waliga’ii irra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture, Kumaa Dammaqqisaa Ummata Oromoo kan diigu, kan akka keessanii kana yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekinne Alamuu Qiixxeessaa, “Yeroon ani mirga Oromooti falmuu calqabu ati hudduu kee hinxaraganne”! Jedhanii waliga’ii sana irratti kumaa saliphiisanii akka gadi teesisaan, namoonno walga’ii sana irratti argaman kan dubataniidha. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu caarraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

1. Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun ga’adha.

Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru. Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii akka dhiisan na hubachisaniiru.

2. Wa’ee Qabsoo Balee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu. Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Balee akka hin dhamisine irraa hubadheera.

Koloneel Alamuu irraa jecha arman gadii kana dhagaheera “bara sna waggoota 8 oliif Mootummaa H/ Silaseen lolaa kan turan gotoota Baleetti, warani biyyittin qabiddu, dubaaf funduraan akka itti dulamu ajajinni H/ Silasee irraa darbee ture. Jaagamaan ajajaa warana waligalaa waan ta’eef, waan deemaa jiru waan beekuuf nu biira dhufee, Jaroonni kun barana dhumun isaanii akka hin ollee nu mirkanneesse. Duubafii funduraan akka marfaman godhameera. dhumuu irra, gara duraas ummani Oromoo ka’i! yoo jedhan ka’uu waan danda’uuf harkan keenisiisa nuun jedhe. nutis dhumuu isaani irra harka keennachuu isanii filanne.” J/ Jaagamaan ammoo H/ Silaseetti dubbatee Qabsa’aa Oromoo Waqoo Gutuu maqaa waliin nagan osoo naminni tokko isaan hin tuqiin harka isaa kennatan.

Namonni bayyeen osoo keessa hin bekiin akka J/ Jaagamaa Keelloo dhamiseetti ibsu. Seenaa Motummoota habashotaa darbanii yoo ilaallee, Oromoota finciila isaan irratti godhan sosobanii ykn kakatanii eerga harka keennachisaniin booda dhabamisiisaa akka turan seenaan ragadha.

Goota oromoo Habishee Garbbaa Meeshaa waranaa Ciibsaanii, kakatanii waadaa galanii eerga harka keennachisaniin booda, kakuu isaanii akka Biishanii dhuganii Abishee mana hiidhaa isanii keessaatti ajjesaniiru.

Gotoota Oromoo Dawwee kan Hasan Ameetiin hogganamu, akkuma sana, hoomitu isiin hin tuqu! jedhanii nagaan gara Qe’ee isanitti eerga deebi’aniin booda, qabanii hunda isanii faniisaniiru. Seenaa Qabsa’oota Oromoo keessatti habashootatti harka kennatanii kan irraa damdamatan yoo jirate Qabsa’oota Baleeti yoo jedhame dhugaa irraa fagachuu miti.

Jaagamaa Keelloo qabsa’oota Baalee harka kennisisaanii rakkoon tokko osoo isaan hin qunaminni, ykn irra hingayiin akka nagaan jiratan godhaniiru. yeroo ammaa Qabsoo Balee kan dhaamse Jaagamaa Keellooti, jechi jedhu sirrii akka hin taane hubataumuu qaba.

Waajjiira ABO Jalduu
Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajironni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu demanii ummata isaniif ibsa keennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa braa 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoni beebekamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.

Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman
Kloneel Alamuu Qiixxeessaa
Obboo Damisee Kabbadaa (ABO)
Girmaa W/ Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii)

J/ Jaagamaa Keelloo fi kan birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hin beekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha.

Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, calqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha.

Hogganuma Koloneel Alamuutiin. dabaree dabareedhan haala yeroo irratti Obbo Damasee Kabbadaa fi bakka bu’aan Oromoota Sooddoo jiiddaa Girmaa W/ Giyorgis erga dubbataniin booda, Jeneeral Jaagamaa Keelloo akka dubatan caarran kennameef. Jaagamaa Keelloo yeroo gara waalittajjitti ol ba’an, Ummani anaa Jalduu, kabajaa isaniif jecha, lafaa ol ka’anii harka rukutuun isaan simatan. Jeeneeraal Jaagamaan Ummata Jalduu irraa kabajaa guddaa argatan.

Jeeneeraal Jaagamaan akkuma dubbii calqabaniin kabajaa Ummata fi Dargaggoota Jalduu irraa argatan mulqaman. Umani Jalduu Osoo Jeeneeraal Jaagaman dubbatanii hiinfiixiin, waalitajjii gadi dhiisanii akka bu’an godhaman. J/ Jaagamaan Dargaggoo Jaalduu kan Hawwiin Blisummaa onnee keessaa dhikkisu funduura dhabbatanii “Ani kalleessas haarras Ithiophiyaan tokkuman jedha” yeroo jedhan saliphiinaan waaltajjii irraa gadi bu’an. Ani bakka isaniin qanawe. Damisee Kabbadaa fi Koloneel Alamuun dubbii gochudhan dargagoota Jalduu dubbii Jaagamatti aaran akka qabbanseessuu godhan.

Waajiira ABO Jalduu Onkoloolessa 1991

Waajiira ABO Jalduu Onkoloolessa 1991

Alabaan ABO koloneel Koloneel Alamudhan eebbifamee yeroo fanniifaamu.

Alabaan ABO koloneel Koloneel Alamudhan eebbifamee
yeroo fanniifaamu.

Koloneel Alamuun Ummata anaa Jalduuf

Koloneel Alamuun Ummata anaa Jalduuf

Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa

Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa

Obbo Damisee Kabbadaa (bakka bu’aa ABO)

Obbo Damisee Kabbadaa (bakka bu’aa ABO)

Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa

Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa

Qabsaa Badhaadha Sarbeessaa Yeroo ammaa eessa akka jiru kan hin beekaminne

Qabsaa Badhaadha Sarbeessaa Yeroo ammaa eessa akka jiru kan hin beekaminne

Seenaan Koloneel Alamuu Qixxeeessaa bu’aa isaan Ummata Oromoof buusan gadi fageenyaan Qormani irratti godhamee kan barreefame miti. Seenaa isanii ammumaan beeku fi ammuman dhaga’e irran waan xinnoo barreessu yaale. Gara funduuraa barreesitioonni seenaa, Qabsoo ummata Oromoo keessatti Qooda addaa kan qaban, Koloneel Alamuu Qiixxeessaa fi gotoota biroo gadi fageenyaan seenaa isaan guutuu barreesanii akka ummata Oromoof dhiyeesan abdiin qaba.

Bitooteessa 5 bara 1907-Fuulbana 9 bara 2001

Bitooteessa 5 bara 1907-Fuulbana 9 bara 2001

Credits/Tags: ,

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Diimmaa Reply

    November 26, 2014 at 4:16 pm

    Tolchaa, you have done an excellent work! Keep-up the terrific job!

  2. BEKELE Reply

    November 26, 2014 at 4:36 pm

    Obbo Tolchaa Wagii guddaa galatomaa gootota Oromoo nu yaadachisuu keessanif. Waldaa Maccaa-Tuulama keessatti Kolonel Alamuu Qixxeesaa wajjin anilee yeroo gabaabaf haa ta’u malee hojjedhera. Kolonel qulqulluu akka bishani kan ta’an baatii batidhan walgahii waldaa Maccaa-Tuulamaa mana barumsaa Tagbareidii fi Minilikitti gageesamaa ture irratti dadhabe jedhanii guyyaa tokkollee otuu hin hafin argamudhan dhaloota haaraa eebbisaa fi gorsaa turan. Koloneel Alamuun akkuma jettan tokkummaa dhabuun qabsa’ota bilisummaa Oromoo akkuma garaa isaan gubetti darban. Kun baayee garaa nama nyaata. Haasaa Koloneel walgahii MT irratti godhaa turan yoo baduu baate vidiyodhan waraabamaa ture. Haasaa seena qabeesa baayee godhaniru. Warri seenaa barreesan vidiyolee sana barbaadanii kan isaanis ta’e kan warra kaanii otuu dhalota haaraa fi boruuti dabarsanii hedduu nama gammachisa.
    Obbo Tolcha ammalee irra deebi’een galatomaa jedha.

  3. Tesfaye Kennaa Reply

    November 26, 2014 at 5:34 pm

    Seenaan gootota keenyaa hedduun harkifannaa milkii bilisummaa saba keenyaa fi walabummaa biyya keenyaa irraa kan ka’e akka malutti bakka hargachaa hin jiru. Kanneen keessaa Koloneel Aalmuu Qixxeessaa issaan tokko. Bilisummaan sabaa fi walbummaan biyyaa isaan umurii guutuu qabsaa’anii otoo milkii issaa hawwanuu lubuun hanqatan bakka ga’ee seenaan issaanii siidaa gootummaa issaaniif dhaabbatu irratti akka barraa’u shakkiin hin jiraatu.

    ,, Yaa ilmaan koo ani nan du’aa garuu seenaan Maccaa Tuulamaa akka naan wajjin hin duune adaraa ,, Dhaamsa Koloneel Aalamuun torban lama du’a issaanii dura walgahii Maccaa Tuulamaa foonaa mana barumsaa tagbaara’id keessatti ta’e irratti Uummata Oromootti dhaammatan ture.

    TK

    • Tolcha Wegi Reply

      December 3, 2014 at 1:26 am

      Obbo Baqqalaa Yaada keessan gabbataa kanaaf guddaa galatoomaa !!
      Naminni dhalatee du,a irraa haafu hin jiru. Seenaa isanii boonsan kun amma jireenya keenyatti nu waliin jiraata.

  4. Hawwinee Barii Reply

    November 27, 2014 at 4:44 pm

    Obboleessa kiyya Tolcha Wagii seena goota keenyaa nu barsiifte kanaaf waaqi si haa eebbisu. Akkasuma itti fufi seenaa gootota walabummaa Oromiyaaf osoo qabsaawanii kufan biroo illee nuu barreessi. Irra deebi’een galatoomi siin jedha.

    • Tolcha Reply

      December 4, 2014 at 2:45 am

      Obbo Hawwinee Barii
      Yaada keef galatoomi!

  5. leellisaa sabaa Reply

    November 28, 2014 at 4:46 pm

    galatoomi seenaa goototaantoo nu barsiifte baby’e gaaridha akkamaan itti fufi galatoomi

  6. Dhugaa Reply

    November 28, 2014 at 6:28 pm

    Obbolessa kiyya Obbo Tolchaa, jagna Oromoo fi Abbaa Oromoo kan turan Kol. Alamuu nu yaadachisu ketif ulfaadhu!. Ani gama kiyyan goota kanaaf miseensota WMT gameyyii kan turan tokko tokko hamma lubbun kiyya nakessa jirtutti hin-irranfadhu. Kol. Alamuu seenaa isanii ijollumma qabeen beeka. Umuriin hiriyyaa akaakayyuu ko turan. Warra kiyya wajjin wal-dhabiinsa bara dheeraa qanaa ture, kessattuu abba ko waliin. Haatauu ti Kol. Alamuu anaan akka ilmoo isanitti najaalatuu ture. Dhibdee warra keenya gidduu ture moggaatti dhiifne dhimma saba keenyyaa irratti waliigalteen dhama’aa turree. Oromoo meeqatuu kana godha laata amma, Otoo akkas gonee essa geenye laataa?.
    Barmoota WMT hummata Oromoof laachaa tures yoomiyyuu hin irranfadhu. Kessattuu ilmaan Oromoo amantiin gargar akka wal hinqoodne akeekachifnii fi barmotni isaan kennaa turan heddu cimaa ture. Barmoota Kana keessaa akka fakkenyaatu kan tuqamuu qabu seenaa Obbolaa lamaani fi jaalatamoo miseensota WMT kan turani ti. Isaanis Obbo Daadhii Fayyisaa fi Hajii Biiftuu Fayyisaa ti. Obbo Daadhii Fayysaa, ekeraan isaanii Daadhii haadhuguu lubbun erga darbanii turera jechuun dhaga’e. Hajii Biiftuu garuu ammas lubbun jiru natti fakkaata. Obbo DAADHII FI HAJII BIIFTUU OBBOLEWWAN, Oromoota Tuulamaa Salaalee irra buqqaa’ee Arsii qubate ture. Adeemsa keessa Obbo Biiftuun amantii islaamaa fudhatanii HAJII Biiftuu Ta’an. OBBO Daadhii fii obbolessi isaa hordoftoota amantii adda-adda tau danda’an. Ilmaan haadhoo lamaan amantii gara-garaa hordofanif Obbolummaa isanii akka hin-haqnee ykn hin haallee barmoota cimaa hummata kenna turan obbo Daadhii fi Hajii Biiftu.
    Obbo Baqqalaa nadhii, akka tasaa ta’ee Otoon dhimma mata kiyyaf deemun isaan baree , isaan jaaladhe. Barri sun bara dukkana kessaa ture, bara Dargii ti ture. Ani yeroo sana waa’ee waldaa MT wantin beeku hinturre, waldichis seeraan ala taasifamee wanta turef. Obbo Baqqalaa Nadhii yero sana bakka bu’aa Rotary International jedhamuu ture. Scholarship Rotary International sponser godhu apply gochuf isaan mallattefacisu narra turee, aniifii hiriyyan kiyya wal-qabannee waajira isaani kan naanno Ambasador Theather itti argamu daqne.Obbo Baqqalaan second tokko kessatti nuuf mallateesse, gaarii nuuf hawwee, nugeggesse. WA’EE GOOTOWWAN WMT DHUBBADHEE! BARRESSEE HINFIXUU. WALUMMAA GALATTI BIYYOON ISANITTI HAASALPHATTU! NUTIIS ILMAAN ISANII AKKA LEECHOMU! GOOTOMNU WAAQNI HAANUGARGARUN JEDHA.

    • Tolcha Reply

      December 4, 2014 at 1:42 am

      Obbo Dhugaa fi obbo Tasfayee Kannaa galata guddaa qabiddu.
      Nagaa argadha.

  7. Abdii Reply

    November 28, 2014 at 7:22 pm

    Obbo Tolchaa Wagii baga jirate.

    Eeyyee hojiin kan nama boonsoodha. Ani akkam nama tokko yeroo seena Kolonel Alamuu Qixxeesaa arguu kootii heeduu gammadee.

    Galatoomi

    Abdii

  8. Tolcha Wegi Reply

    December 3, 2014 at 1:38 am

    Obbo Baqqalaa yaada kee gabbataa kanaaf guddaa galatoomi !!

  9. Hailu Darge Gemeda Reply

    December 6, 2014 at 5:43 pm

    Oromoon seenaa isaa Akka sabatti , Oromiyaan seenaa ishe aka biyyaati galmmeefate hin qabda.
    Oromoon seenaa gootota isaan barreesse dhaloota dhufuuf dabarsuuf hiree hin argane. Aadaa isaas hin qabu.
    Jaal ko ,ati seenaa Kolonel Alemu fi namoota isaan walin bara sana naannoo ati dirqama fudhatee fi
    Itti gaafatama qabdu irratti siif argaman walin bareechite katabde . Fayyaa ta’i . Galatoomi.
    Gootota keenya faarsu , jabaja barbaavhisu kennufii , kan isaan hin beekne walin walbarsiisun dirqama keenya.
    Kol. Alemu abbaa qabsoo bilisummaati. Demissie kabada nama dhaloota hanga ammaati Qabsoo Bisummaa walin Jiru,
    Badhaadha Serbeesaa qabsaahoota Akka fakkiiti ilaalaman kessaa nama tokko.Oromiyaa bilisoomte argamsiisuuf
    Warda dhugaadhan of kenyan kessaa Badhaadha isa tokko.

    Galatoomi Tolchaa

  10. liban maccaa Reply

    August 27, 2015 at 7:33 am

    Tolchaa Wagii….seenaa goota jalqaa kana nudhageesisuuf hedu galatoom.
    Kolonel Alamu Qixeessaa….tokkummaa Oromoo ijjaaree keessa darbeetu tokkummaa saba kush naanoo Oromia warra jiraatan nama ijjareedha.

  11. Habtamu Reply

    December 12, 2015 at 1:44 am

    Obbo Tolchaa Guda Galatommi!!

  12. oboru Reply

    December 24, 2015 at 1:46 am

    Tolcha has well documented authentic history of the Jaldu district Oromo peoples struggle against the Dergue regime(1974-1991) and its successor – the Tigray Peoples Liberation Front occupier regime of Ethiopia in a very succinct way in historical perspective. The Oromo heroes who resisted the Dergue regime raising arms against the occupiers was part of the Oromo peoples struggle against successive Abyssinian regimes, in particular against the neo-fascist Colonial Military occupier regime. The heroes who led the resistance war: Mullata Fayiso, WEagii Saatto and others shall be remembered for ever in the history of Oromo resistance movement. Especially in the history of central Oromia as it is the only district that was liberated from the Ethiopian occupier military dictatrorship regime. The district of Jaldu occupies a special place in the history of central Oromia of the twenteeth century as it was purely led by Oromo patriotic leaders for a just cause as continuation of the Oromo peoples continued resistance to reclaim the hamitic civilization GADA system of democracy and human righjts based on peace and stability.Of course the Gindo peoples resistance aslo should be remembered as it thought the history of resistance and alliance against occupiers. The freedom days lastewd at least for more than two months excelling the days of the Paris Commun in state power during the renowned French Revolution of 1789.
    I appreciate Tol;cha Wogi who documented the events of history in Jaldu peoples resistance.

    In praise of the fallen heroes of Jaldo and Gindo. I rmember Lammii who was murderred in the hands of the Dergue army.
    O boru

  13. saamu'eel lammaa fiixaa Reply

    December 10, 2017 at 11:20 am

    obbo tolchaa goota biyya kootii baayyeen sii. boone .seenaa gootota keenyaa nuuf barreessuu keetiif baay’ee baay’ee galatoomi waaqayyo si haa eebbisu. alagaan seenaa gootota keenya kanaa awwaaleet ture. isiniyyuu seenaa gootota keenyaa ifatti nuuf baastan argachuu keenyaaf baayyeen itti gammada
    dhumarratti akkuma seenaa isaanii nuuf barreessitan viidiyoowwan tokko tokko kanneen isin bira jiran osoo fuula YouTube ykn google irratti nuuf maxxansitanii yaada jedhun qaba galatoomaa horaa bulaa. waaqayyo umurii dheeraa isiniif haa kennu.!!!!?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *