Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Abdii Boruu:- Oromoon karaa nagaatiin qabsaayee bilisummaa argachuu hin danda’u

Posted: Bitootessa/March 24, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (2)

Abdii Boruutiin*

Mirga namummaa kabajjiisuufis ta’ee bilisummaa dhaban deebisanii argachuuf qabsoon karaa nagaatiin godhamu filannoo (option) gaarii akka ta’u kun dhugaa waliigalaa ti. Haa ta’u malee, biyya akka impaayara Itoophiyaa, kan dhiiga fi lafee ilmaan namaatiin ijaaramtee; mana hidhaa sabootaa taate; kan lubbuun ilmaan namaa bilaashumatti keessatti galaafatmee hafu kana keessatti, filannoon akkanaa hojjetee hin beeku; hojjechuus hin danda’u. Dhiigni ilma namaa otuu hin dhagalayin; lafeen namaa otuu hin caccabin; lubbuun lammiilee otuu hi galaafatamin karaa nagaatiin jijjiiramni impaayara sana keessatti mul’ate takkallee akka hin jirre seenaatu ragaa ta’a. Waayeen kun aadaadhuma biyyattii sanaa ta’ee jira jechuun ni danda’ama. Maarree, dhugaan lafarra jiru, kan abbaa fedheeyyuu jalaa dhokachuu hin dandeenya kana ta’ee otuu jiruu; seenaa dabrerraa barachuun dadhabamee ykn dagatamee, maaliif waan hin milkoofnerratti dandeettiin, beekumsi, qabeenyi, humni fi kana birallee dabree lubbuun namaa asirratti galaafatama?

Karaa nagaatiin qabsoofnee bilisummaa dhabne deebisnee argachuu hin dandeenyu yoon jedhu, yaada farra-nagummaa qabaadhee ykn qabsoo karaa nagaa jibbee otuu hin taane, karaan kun akka hin hojjenne; akka injifannootti nu hin geessine karaa adda addaatiin argamaa fi hubatamaa waan jiruufi. Otuu fagoo hin deemin, kan biraallee yoo dhiisne, waanuma dhiyoo kana ta’e fi ta’aas jiru akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, karaa nagaatiin qabsaayamee keessumaayyuu ammoo Habashoota wajjin hojjetamee bilisummaa argachuun sirumaa waan danda’amu natti hin fakkaatu. Mee laalaa, erguma uummatni Oromoo fi uummattootni kibbaa gabrummaa Habashootaa jalatti kufanii kaasee hanga har’aatti, mootummaalee impaayarittii walduraa duuba dhfaa as gahan yoo ilaalle, humnaan malee tokkumtuu kan nagaan jijjiirame hin jiru. Habashootni, saboota cunqurfamoo dhiisii waliifuu nagaan jijjiirama walitti dabarsanii hin beekan. Waayeen kun ammoo hammaachaatuma deema malee wanti fooyya’u hin jiru.

Ana dubbiin naaf hin galle fi dhiibboo natti ta’e tokko, Wayyaanotni akka humnaan dhufanii biyya sana qabatan himachaa; humnaan malee akka hin deemnes otuu hin dhokfatin ifaa ifatti beeksisaa otuu jiranuu; kana birallee dabranii, abbaan fedhe karaa fedheenuu yoo nudura dhaabbate sirrii isin galchina jechaa otuu dhaadachaa jiranuu; lammiilee keenya ajjeesanii karaarratti gatanii irbaata waraabessaa godhaa otuu jiranuu; kaan ammoo haala sukkaneessaa ta’een ajjeesanii; ija hawaasota addunyaa biratti fannisanii uummata keenyatti agarsiisaa otuu jiranuu,… mootummaa nama-nyaata kana wajjin hojjennee karaa nagaatiin bilisummaa arganna jechuun gowwummaa dha moo otuu waan kana hundaa arganuu hubachuu dhabuu dhaa? Namni akkamitti balaa namtti deemaa jiru alaalatti arguu dadhaba? Hanga nama bira gayee, qabee nama hudhutti callisaniituma ykn ofdagatanii eeguun beekumsa ykn abbaa malaa fi tooftaa ta’uu dhaa?Asirratti gaafiilee lakkaawamanii hin dhumnetu ka’uu danda’u.

Sababni ani mata dure kanaan barreeffama gabaabaa kana qopheesseef, wanti dhiyoo kana ta’e fi warra Adda Diimookraatawa Oromoo (ADO) irra gaye kun isaaniifis ta’e warroota yaada walfakkaataa qabaniif barumsa ta’uu danda’aa laata? jedhutu gaafii natti ta’ee barruu kana dhiyeesse. Karaa nagaatiin biyyatti sana keessatti qabsaa’anii bilisummaa argachuun ykn akka isaan jedhanitti diimookraasii dhugaa fiduun akka hin danda’amne asirraa hubachuu danda’uu laata? “Buddeenni (biddeenni) gaariin eeleerratti beekama” jedha Oromoon yoo makmaaku. Waan eeleerra jiru kana arganii jiruree?Yaada jijjiirratanii karaa biraatiin qabsoo kana ittifufuu yaadu ykn barbaadu moo ammallee otuma arganuu ija dunuufatanii ittideemuuf mrteeffatu? Gaafii kana isaanumaaf dhiisee, ani garuu akka ilma Oromoo tokkootti, akka dhuunfaatti wantin yaadu fi fala ykn furmaata jedhu: hanga mooraa ofii tasgabbeessanii, tokkoomanii, kaayyoo tokkorratti waliigalanii, humna mooraa ofii hin cimsinetti, garee kamiiyyuu haa ta’u Habashoota wajjin hojjennee bilisummaa dhabne arganna jechuun natti hin mul’atu.

Akka makmaaksi Oromoo “Muka kufe lafatti qottootu itti baay’ata” jedhu, warra ADO kan qaaniidhaan gara Awuroopaatti deebi’an komacuu fi qeeqa itti baay’isuu hin barbaadu. Kaayyoon barreeffama kiyyaas isa kana miti. Akka dhalootaatti jarri kunis ilmaanuma keenya ilmaan Oromoo ti. Otuu waan hamaanis isaanirra gayee nutti dhagayamauun waan ooluu miti. Kan balleesse gorfachuu fi kan dogoggore sirreessuu dha malee, ija diinaa fulduratti walirratti duuluun bu’aa hin qabu. Haa ta’u malee, ammas irran deebi’a, lakkii kan dabrerraa baradhaa, seenaa dabre yaadadhaa, lammiilee Oromoo beekumsaa fi dandeettii guddaa qaban, kan imaayarittii tana jiraachisuuf jedhanii lubbuu isaani galaafachiisan yaadadhaa; karaa hin taane deemtanii isinis booddeen keessan akkuma jara sanaa akka hin taane irra deebi’aatii haala jiru gamaaggamaa jechuun fedha. Kun dhaamsa Oromummaa ti malee doorsiisuus miti ajaja kennuus miti. Kan kanarraa hafe “Abbaatu of mara jedhe bofni” jedhaa mitiiree Oromoon ammas yoo makmaaku.

Qabxii tokko otuu hin tuqin dabruu kanan hin barbaadne, karaa nagaatiin qabsoofnee bilisummaa argachuun yoo hin danda’amne filannoon biraa karaa humnaatiin jijjiirama fiduuf qabsaayuu dha. Inni kunis karaa lamaan danda’ama: qabsoo hidhannoo jabeessuu fi warraaqsa uummataaf ciminaan hojjechuu dha. Warraaqasa akkanaa keessatti ammoo dhiigni lammiilee keenyaa dhangala’uu fi lafeen isaaniis caccabuun waan hin oolleef, kun akka qabsoo karaa nagaatti ilaalamuu fi fudhatamuu hin danda’u jedheen yaada. Qabsoon hidhannoo laayyoodhumatti jabaatee; Wayyaanee hanga funyaaniitti hidhate kana injifachuun salphaa akka hin taane waanuma beekamuu dha. Haa ta’u malee, hammuma fedhe yeroo dheeraas fudhatu kaayyoo ifa ta’e tokko lafa kaawwatanii, isa kanarratti tokkummaadhaan hojjetanii humna cimsaa yoo deeman wanti addunyaa kanarrtti hin danda’amne hin jiru. Hammuma ta’es ta’u qabsoo hidhannoo duubaan cimsaa; karaa biraatiin ammoo keessa fi alaan uummata keenya ijaaraa fi gurmeessaa warraaqsaaf qopheessun caalaatti bu’aa fida jedheen yaada.

Bilisummaan dhiigaan malee waan hin argamneef, kanaaf ofqopheessanii, salpinaan du’uurra seenaa hojjetanii du’uun filannoo biraa waan hin qabneef, tokkummaa jabeessanii mooraa ofii cimsuun yeroon isaa amma ta’uu qaba. Kan kanaa alaa filannoon biraa yoo jiraate, gabrummaa yeroodhaa gara yerootti hammaachaa deemu kana keessatti salphina fi qaaniidhaa mataa gadi qabatanii, dinaaf bitamaa jiraachuu dha. Dhumarratti, waan tokko jechuun barbaada. Oromoon yoo murteeffate waan tokko hojjetee milkiidhaan akka gahu OMN fakkeenya gaarii ta’uu danda’a. Kanaaf, karaa qabsoo hidhannoo jabeesuufis ammas Oromoon harka walqabatee yoo ka’e, humna waraanaa bilsummaa keenyaa cimsinee diina injifachuu akka dandeenyu mamiin ykn shakkiin hin jiru. Kana godhuuf garuu mooraan keenya tasgabbaayee; jaarmayoonni keenya hunduu walitti dacha’anii tokkummaa humna cimaa uumu ijaaruun barbaachisaa fi murteessaa dhas. Kun sirumaa haal-duree ta’uu qba jedheen amana. Waayee kana yeroo biraan itti deebi’uu yaala.

Galatoomaa.

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Hojii Reply

    March 24, 2015 at 5:48 pm

    Ob Abdii,
    gltm Afaan bareedaa kanaan nu barreessuu keef! Garuu waan hin hojjenne irra haasahuu ykn barreessuu tti nuti, Oromoon, baay’ee jaboo dha! Laafinnii keenyi waan hojjetu himuu fi hojiirra oolchuu dhabuu dha! Mee waan hojjetu nu argisiisuu fi barreessutti jabaadhu!

  2. Tokkummaanfurmaatawaahundaati Reply

    May 4, 2015 at 4:37 pm

    Abdii boruu baay’ee galatoomi. Dhugaa jette. Oromoon hundi kana amanee gara warraaqsaa fi qabsootti fuula deebifnaan bilisummaan oromoo dhihoodha. Dhaabbileen siyaasaa garaagaraa kanneen bilisummaa oromootiif falman hundi galmi isaanii bilisummaa taanaan walitti deebi’anii tokkoomanii humna qabsoo oromoo cimsachuu dha. Kana irraa kan hafe akkaataa itti adeemamuu qabu wallaaluufii walitti dhiheenya dhabiinsa ummataa fi qaama ijaarsa warraaqsaa irraa kan ka’e yoo ta’e malee ummanni oromoo dheebuu bilisummaa kan bara dheeraa irra ture kana bahuudhaaf hawwuu dhabaniitii miti. Kanaafuu warraaqsaaf ka’uudha, qabsoof ka’uudha. Beektotni hundi bilisummaan tolaan akka hin dhufne ummata hubachiisuu fii akkaataa itti deemamuu qabus haala mijjeessuu dha. Ati nuuf jiraadhu… Waan guddaa sirraa eegna. Horii buli…. Galatni kee Bilisummaa ummata oromoo haa ta’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *