Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

QEERROO: Lubi Waldaa Makaane Iyyessuus Wallaggaa, Aanaa Waamaa Hagaloo Paaster Waggaarii Ayyaanaa Mootummaan Akka Kufuuf Waaqa Kadhatte Sababaa Jedhuun Hidhame – Gaaffiin Mirgaas Itti Fufe

Posted: Bitootessa/March 11, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Bitootessa 10, 2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

BecauseIAmOromoQeerroo2

Magaalaa Qassoo Keessatti Gaaffii Mirgaa Kaasuun Poolisoota Wayyaanee Waliin Wal Qabaa Jiru.

Wallaggaa, aanaa Waamaa Hagaloo magalaa Qassoo keessatti Bitootessa 10 bara 2015 Humna uumata Oromoo FDG gaggeessaa jiruu fi ergamtoota Wayyaanee jidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumameen magaalli Qassoo dirree falmaa ta’uu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Gaaffii uumannii fi qonnaan bultooti naannichaa gaafataniin wal qabatee guyyaa har’aa hiriirri magaalaa kanatti ta’ee fi dhadatnooleen uumataa kan isaan rifaasise poolisoonni Wayyaanee uumata nagaa qabanii hidhuu fi hiraarsuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan sabboontota armaa gadii kana magaalaa Qasoo keessaa waraanni Wayyaanee guyyaa har’aa qabee akka hidhee jiru qeerroon gabaasa.

1. Qajeelaa Raggaasaa
2. Boodanaa Baqqalaa
3. Misgaanuu Raggaasaa
4. Danjaa Dhangi’aa
5. Dhugaasaa Abdiisaa
6. Booboo Addunyaa
7. Misgaanuu Addunyaa fi kanneen biroon mana hidhaatti argamu

Oduu dhuma wal fakkaatuun lubi waldaa makaana yesuus darabaaWaggaarii Ayyaanaa jedhamu mootummaan akka kufuuf Waaqayyoon kadhatte jedhamee achi buuteen isaa kan dhabamedha.

Qeerroo.org

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *