Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Abdii Boruu:- Afaan Oromoo wiirtuu (jiddugala) qorannoo qabaachuu qaba

Posted: Adoolessa/July 20, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (2)

Abdii Boruutiin*

Dhimmi kun yeroo baay’ee sammuu kiyya keessa deddeebi’ullee, barruu gabaabaa kanaan yaada kiyya akkan dhiyeessu kan na taasise gaafii fi deebii Dr. Abdulsamad Mohammad OMN wajjin godhan OMN: Gaafii fi Deebii Dr Abdulsamad Mohammad waan qalbii kiyya harkiseefi. Gara yaada kiyyaatti otuu hin seenin dura, hayyoota Oromoo keessaa kan ani dinqisiifadhu fi akka fakkeenyaatti ilaalu keessaa innii tokko Dr. Abdulsamad Mohammad akka ta’an carraa kanaan ibsuun fedha. Ogummaa bifa lamaa kan qaban caalaa jaalala, fedhii, beekumsa fi dandeettii isaan Afaan keenyaaf qaban baay’ee kan dinqisiifamuu dha jedheen amana. Yaalii fi tattaaffiin isaan guddina Afaan Oromootiif godhanis akkasuma kan galata guddaa argachuu qabuu dha. Kanatti aansee, waayee guddina Afaan Oromoo fi akkasumas wiirtuu qorannoo Afaanichaa ilaalchisee yaada koo gabaabsee dhiyeessuun yaala.

Afaan Oromoo eessaa ka’ee eessa akka gahe; guddinni isaas sadarkaa maaliirra akka jiru akkasumas rakkoolee Afaan keenya mudatan Dr. Abdulsamad gadi fageenyaa fi bal’naan waan ibsaniif asirratti yaada itti dabalu hin qabu. Haa ta’u malee, akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaattii hir’ina Afaan keenya keessatti mul’atu tokko tokko ibsuun yaala. Hir’inni guddaan ani hubadhu fi dogoggorri ani yeroo baay’ee argu akkaataa namootni Afaan kana ittiin barreessanii dha. Afaan keenya sagalee qulqulluu fi akkasumas seera barreessuu Qubee Afaan isaa ifa ta’e otuu qabuu, namootni isa kana hubachuu dhiisuudhaan ykn dagachuudhaan dogoggoraan barreessuun isaanii Afaanicha kana gara hin taanetti oofaa waan jiru natti fakkaata. Gama tokkoon Afaan keenya waaltessuuf yaadni fi tattaaffiin otuu jiruu, gama biraatiin garuu waaltessuun hafee kanuma beeknu sanaayyuu seeraa alaan barreessuun Afaan keenyatti mudaa uumaa jira jedheen yaada.

Kaayyoon barreeffama kiyyaa Afaan Oromoo barsiisuuf otuu hin taane, akkan hubadhutti, dogoggorri harka caalaan kan mul’atu sagalee dheertuu fi gabaabduu akkasumas laaftuu fi jabaattuu barreesuu irratti akka ta’e dha. Hir’inni ykn seeraa alaan barreessuun akkanaa kun ammoo wanti barreeffamu sun hiikkaa adda addaa akka mul’isu hubachuun barbaachisaa dha. Asirratti fakkeenya salphaa ta’e tokkon dhiyeessa. Nama tokkotu nama biraatiif gaafii tokko dhiyeessa. Gaafiin kunis gabaabumatti “Jirtuu?” kan jedhu dha. Namni gaafii kanaaf deebii kenne: “Eeyyen, JIRA” jedhee deebise. Yeroo kana namtichi gaafii biraa dhiyeesse. Deebiin sun waan quubsaa hin ta’iniif jechuu dha. “Suma qofaatu jiraa? Kuun hin jiran jechuu dhaa?” Deebii gaafii duraatu dogoggora ture malee namootni hunduu jiru turan. Kan gaafii sanaaf deebii kenne silaa akkanatti barreessuutu irra ture: “Eeyyen JIRRA” ykn ani “jira” jarri kuun hin jiran”. Asirratti hubadhaa, jechoota lamaan “JIRA” fi “JIRRA” tu dubbii ifa hin taasisini. Jabeenya fi laafina sagaleetu dogoggoraan barreeffaman; nam-tokkee (singular) fi baa’yeetu (plural) addaani hin bahin jechuu dha.

Egaa, kun fakkeenyota baay’ee keessaa isa takka. Walumaagalatti, haaluma walfakkaataadhaan dogoggorri barreeffama jechuu kooti. Wayyee akkanaatu qulqullina Afaan keenyaa irratti dhiibbaa fida. Wanti asirratti hubatamuu qabu, waaltessuu Afaan keenyaa bira otuu hin gahiniyyuu waanuma beeknu sanaayyuu sirnaan barreessuu dadhabuun Afaan Oromootti mudaa hora jechuu dha. Kun maalirraa madda?Sababni isaa maali? Jennee yoo gaafii kaasne, akka ilaalcha kiyyaatti, seera Qubee Afaan Oromoo sirriitti barachuu dhiisuu fi sirnaan ittifayyadamuuf dantaa dhabuu ykn dagachuu dha. Afaan keenya, Afaan haadha fi abbaa keenyaa, qulqulleessinee dubbachuu otuu dandeenyuu garuu yoo barreessinu seeraan barreessuu dhiisuun hiika hin taane kennuu bira dabree Afaan keenya nuuffisiisaa taasisa. Dhimmi kun sirriitti hubatamuu qaba.

Waayeen kun dhimma uummata ykn saba Oromoo waan ta’eef, akka dhimma biyyoolessaatti ilaaluun dirqama Oromummaa ti jedheen amana. Guddinni Afaan keenyaa, guddina hawaasaa fi saba keenyaa ti. Kun egeree Oromiyaa ti. Afaan keenya, har’a qulqulleessaa yoo deemne malee booda rakkoon kun aadaa ta’aa deema jedheen yaadda’a. Kanaaf ittiyaaduu qaban. Oftuulummaa dhiisnee, kun Afaan kiyyaa seera isaa barachuun barbaachisaa miti jennee, karaadhuma nutti toleen ykn yaadneen seeraa alaan barreessuun rakkoo hin taane keessa nu galcha. Kanaafuu itti yaaduu qaban jechuu kooti. Seera Afaan alagaatuu barannee sirnaan itti fayyadamaa otuu jirruu, wanti kan ofii keenyaa kabjnee, seera isaas eegnee itti hin fayyadamneef sababni hin jiru. Oftuulummaa ykn ceemina keenya yoo ta’e malee jechuun barbaade.

Gara mata duree barreeffama kanatti deebi’uudhaaf, wiirtuu ykn jiddugala qorannoo Afaan Oromoo qabaachuun bu’aan isaa waa baay’ee dha. Og-barruu ykn hojii aartii ittiin too’achuuf qofaa otuu hin taane, Afaan kana yeroodhaa yerootti guddina isaa hordofanii; hir’ina jiru hubatanii fala ykn mala barbaaduuf; akka inni guddatu taasiisuuf dhaabbatni akkanaa baay’ee barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas jedheen amana. Afaan keenya hacuuccaa diinaa keessaa bahee; awwaalamuuf bool’oo qarqara gahe sanarraa dandamatee sadarkaa kanarra kan jiru dhiisii, warri diingadee fi teeknoolojiidhaan guddatanuu yeroodhaa yerootti guddina Afaan isaanii too’achuudhaan jijjiirama isaa (language reform) irratti hojjetu. Kanaaf, nutis Afaan keenya akka qulqullaayu, guddatu fi dagaagu; akka abbaa horatu; akka mararfannoo argatu dhaabbata guddina isaa hordofu, tooa’tu fi guddisu – wiirtuu qorannoo Afaan Oromoo ijaarrachuun dirqama ta’a.

Galatoomaa.

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. olana Reply

    October 24, 2015 at 9:46 am

    Abdi,

    Yaadi ati dhimma Afaan Oromoo ilaalchistee kennitte baa`ee nagammachiisee jira. Galata argadhu!!
    Olana

  2. Najiib Sulleiman Reply

    January 27, 2016 at 3:01 am

    January 26,2016
    Abdi Boruu akkamalee galatoomi, barruun tee barruulee akkamalee ija na harkifte keessaa isii takka. Mee gara yaada kiyyaatti achi cahuu koo dura himoota ijoo tahan kan siin barreeffamaniin akka ati barreessitteetti barreessuudhaan haa jalqabu.

    “Gama tokkoon Afaan keenya waalteessuuf yaadni fi tattaafiin otuu jiruu gama biraatiin garuu waalteessuun hafee kanuma beeynu sanaayyuu seeraa alaan barreessuun Afaan keenyatti mudaa uumaa jira ja’een yaada.”

    “wanti asirratti hubatamuu qabu, waalteessuu Afaan keenyaa bira otuu hin gahiniyyuu waanuma beeknu sanaayyuu sirnaan barreessuu dadhabuun Afaan Oromootti mudaa hora jachuu dha.”

    “Waayeen kun dhimma ummataa ykn Saba Oromoo waan ta’eef, akka dhimma biyyoolleessaatti ilaaluun dirqama Oromummaa ti jadheen amana.”
    Mee gaa ammaas gara yaada kiyyaatti achi haa chahu. Yaada ati barruu tana irraa barreessiteef gutumaafi guututti nan fudhadha. Yaada Afaan keenya Afaan Oromoo waalteessuudhaaf wiirutuu takka barbaachisuudhaa, dhibbaa-dhibbatti nan fudhadha. Maaliif yoo janne, Afaan Oromoo yaroo dheeraadhaaf haccuuccaa mootummoottan alagaa jalatti kufudhaan hiree guddachuu arkachuu dhiisii itti dubbachuunuu yakka akka tahe seenaa fagoo osoo hin tahin waan dhihootti waliin yaadannu tokko.
    Kanaafuu, Afaan Oromoo dandamata amma arkate kanaan Hayyoonniniifii Beektoonni Oromoo hundi irratti hirmaachuudhaan wayyeessuufi waalteessuun kan barbaachisaa tahe argame. Asirratti milanaan osoo hin dhooyne bira kutuu hin barbaanne tokko, Hayyuuleenii fi Beektoonni Oromoo ammaan duraas tahe ammaas uumamaafi guddina Afaan kanaatiif lubbuu isaanii kannuudhaan qooda isaanirraa eeggamu bahaniif warreegama barbaachisu kafalan hundi galata guddaa dacha dachaan qaban. Kanneen akka Sheek Bakrii Saphaloo, Sheek Mohammed Rashaad/Rabbi Jannataan isaan haa qananneessuu/, Mahadi Hamid Muudee, Dr Xilaahuun Gamtaa, Dr Abdulsamed Mohammed kan Afaan Oromoo akka seerlugaa qabaatu jalqaba duraatif godhe dabalatee kanneen biratiis kan maqaan isaanii asirratti hin dhawwamin hundi seenaan yoomiyyuu isaan yaaddatti.
    Yaada lama kan asirratti kannachuu barbaade keessaa inni duraa dabalata rakkoolee Afaan Oromoo akka hin guddanne mudaa tahaa jiranirratti taha. Kunis maali inni, akkuma ati jatteetti rakkoollee guddina Afaan Oromootti danqqaa tahan keessaa tokko, Afaanicha seeraa heera qabu kana danta dhabbummaan seeraa alaan barreesuudha. Fakkeenyaaf seera gubee dheertuu, gabaabduu, jabduufi laaftuu barreessuudhaa eeggachuu dhabuu yammuu tahu, kana cinatti ani ammoo wanti ida’achuu barbaadu tokko, eega wanta tokko barreessan booda, irra deebi’anii da-ddeebi’anii dubbisuudhaan sirreessuu dhabuun guddina Afaanichaatti danqqaa tahu qofa osoo hin tahin akka yaada ifa tahe tokoo sirritti hin dabarfanne nama taasisa. Kana jachuun koo gabaabdumatti, barruu takka yoo “proof reading” warri adiin ja’uu san irra daddeebi’udhaan hin godhamin, guddina Afaanichaatti fi yaada ifa tahe dabarfachuu irratti rakkoo guddoo uuma ja’een amana.Yaanni kiyya inni lamadaa, gara biraatiin jachoonni Afaan Oromoo irra caalaan isaanii innaa dheerrachuun ykn gabaabbachuun yokiniis ammoo laaffachuun ykn jabbaachuun hiikkaa gara garaa qabaachuu akka dandayan atuu fakkeenya kaasuun haala ifa tahe tokkoon ibsitee jirta. Asirratti ammaas wanti sirritti hubachuun nurra jiru tokkoo fii yaanni kiyya kan lamadaa kana fakkaata. Jachoota Afaan Oromoo keessaa haga muraasa tokkootu yoo dheerratanii gabaabbataniis ykn laaffatanii jabaataniis hiikkaan isaanii hin jijjiramneetu jara.

    Fakkeenyaaf: Ammoo = Ammo
    Oromoo = Oromo
    Silaa = Sila
    Abboo = Abbo
    Akkaan = Akkan
    Namaan = Naman
    Armaan = Arman
    Lakkooysa = Lakkoysa
    Dheebuu = Dhebu
    Ji’aan = Ji’an
    Kanaafii kanneen kana fakkaattan jachoonni jabaattani, laaffatani, dheerratani ykn gabaabbataniis hiikkaa addaa qabaachuu hin dandeenyees ni jiran. Asirratti yaada lamadaa kiyyarratti gaafiin tiyya akkamitti haalli kun gad faggeenyaan xinxilamanii seera qabachuu dandayaniidha? yoo akkuma ati jatte wiirtuun Afaan Oromoo waalteessitu takka jiraatte malee.

    Haala armaan olitti dhawe kana ifa godhuudhaaf fakkeenya hima tokko kaayuudhaaniin ibsuudhaaf yaala.
    Fakkeenyaaf: 1/ Dhebu na jira = Dheebuu na jira. Nan dheeboodhe jachuudhaaf.
    2/Gaafii arman gadi deebisi = Gaafii armaan gadii deebisi.

    yaada kana kaasuun kiyya Afaan Oromoo akka innaa namoota adda addaatiin jachoonni tokko barreeffaman bifa ykn haala tokkoon barreeffamuudha qaban ja’ee waaniin amanuuf jacha.Seera haaltokkee ykn biftokkeedhaan barreeffamuu itti dandayaman jiraachuu qaban ja’een amana. ifduraaf akka Afaan Ingilizii sadarkaa ol’aanatti guddatee as gaye kanatti Afaan Oromootiis sadarkaa san guyu dandayuu qaba ja’ee waaniin amanuuf jacha. Kuniis yoo Hayyootaafi Beektootaan haala gadi jabbeenya tahe tokkoon kan irratti hojjatame tahe sababaan itti hin guddanne hin jiru amantaa ja’u waaniin qabuuf jacha.

    Gara biraatiin mee barruu ati silaa barreessite tana ani yoo kaniin deebi’ee barreessu tahe akkan itti barreessu sitti haa garsiisu. Kana innaa ja’u haalli ati itti barreessite sirridhaami jachuu kootimi, san akkasitti akka naa hubatamuun barbaada.

    Akka isaniin barreeffameetti Akka naan barreeffameetti

    Akkan dhiyeesu ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Akkaan dhiheessu,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,,qalbii kiyya,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,qalbii tiyya,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,,kan dinqisifadhu fi ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,kan dinqisifadhuu fi
    ,,,,,,,,,jaalala, fadhi, beekkumsa fi,,,,,,,,,,,,,,,,,,Jaalala, fadhii, beekumsaa fi,,,,,
    ,,,,,,,,,baay’ee,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,baayyee,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,,kan dinqisifamuu dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,kan dinqisifamuudha.
    ,,,,,,,,,argachuu qabuu dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,argachuu qabuudha.
    ,,,,,,,,,akka ilaalcha fi hubannoo,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,akka ilaalchaa fi hubannoo,,,,,,,
    ,,,,,,,,,hubannoo kiyyaattii,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,hubannoo kiyyaatti,,,,,,,,,,,,,,,
    Hir’inni,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Irrinni,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,ani hubadhu fi ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,ani hubadhuu fi,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,yaroo baay’ee,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,yaroo baayyee,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,barreessanii dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,barreessaniidha,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,otuu qabuu,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,odoo qabuu,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,yaadni fi tattaaffiin,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,yaadninii fi tattaaffiin,,,,,,,
    ,,,,,,,,akkan hubadhutti,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,akkaan hubadhutti,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,akka ta’ee dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,akka taheedha.
    Hir’inni ykn ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Irrinni ykn,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,,hubachuun barbaachisaa dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,hubachuun barbaachisaadha.
    ,,,,,,,,tokkon dhiyeessa,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,tokkoon dhiheessa.
    Nama tokkotu nama biraatiif gaafii tokko dhiyeessa,,,,,Nama tokkootu nama biraatiif gaafii takka dhiheessa.
    ,,,,,,,,jirtu kan jadhuu dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,jirtu kan jadhuudha.
    Namtichi gaafii biraa dhiyeesse,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Namtichi gaafii biraa dhiheesse,,,,
    ,,,,,,,,hin ta’iniif jachuu dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,hin ta’iniif jachuudha.
    ,,,,,,,,kun fakkeenyoota baay’ee,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,kun fakkeenyoota baayyee,,,,,,,,,,,
    Waayyee akkanaatu,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Waa’ee akkanaatu,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,mudaa hora jachuu dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,mudaa hora jachuudha.
    waayeen kun,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Waa’een kun,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,saba keenyaa ti,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,saba keenyaati.
    ,,,,,,,kanatti deebi’uu dhaaf,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,kanatti deebi’uudhaaf,,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,waa baay’ee dha,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,waa baayyeedha.
    Og barruu ykn hujii aartii,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,Hog barruu ykn hujii artii,,,,,,,,
    ,,,,,,,murteessaa dhas jadheen amana,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,murteessaadhaas ja’een amana.
    ,,,,,,,guddatu fi dagaagu,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,guddatuu fi dagaagu,,,,,,,,,,,,,,
    ,,,,,,,tooa’tu fi guddisu,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,too’atuufi guddisu,,,,,,,,,,,,,,,

    Garaa garummaa barruu teenyaa tana dhiheessuu koo, garaa garummaan uumamte rokkoo uumti jachuu barbaadee osoo hin tahin, namoonni adda addaa yoo kan waa’ee tokkorratti barreessan tahe, dhiiroo barruun nama sanaa hundi adda adda tahuun ni malaa ja’ee shakki waaniin qabuufi.Dhiiroo Afaan Oromoo akka Afaan warra Adii ykn Ingilizitti seera qabeessa gar-tokkee ykn bif-tokkee qabaachuu ni dandayaa? Gaafiin jattuu yeroo hunda na keessa da-ddeebiti. Gaafii tanaaf deebiin tiyya eeyyee ni dandayama. Akki itti dandayamu gabaabdumatti, yaanni ati barruu tana irraa barreessiteef guddina Afaan Oromootiif wiirtuun takka tan Hayyoota, Beektootaafi Ogeesoota Oromootiin jarmtee hujirra oolte. Wiirtuun tun tan Affan Oromoo seera bif-tokkee qabsiistee fooyyeessitu jachuudha. Tan garaa garummaa barru teenya lamaan idditti argamtu tanallee sirreessitu ja’een amana. Kanaafuu yaanni ati kaafte kun kan akkamalee deeggaramuudha. Garuu ammoo gaafii takka tan deebbisaa hin qabneefin gaaffaddee yaada kiyya kana xumura. Akkamitti wiirtuun tun tan Afaan Oromoo fooyyeesitu tun jaaramuuf teessi? Eenyuun dhiiroo jaaramuuf teessi? Dhiiroo yoon Sabboonaa Oromoo kan aadaa isaatifii guddina Afaan isaatii yaadee Saba isaatiif yeroo fi qabbeenya kannuufiin jaaramuuf teessi ja’u deebisaa tahinnaa laaata?

    Galatoomaa!!!!!!!!!!!

    Najiib Abdallaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *