Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Abdii Boruu:- Uummatni Oromoo, hanga yoomiitti gadadoo keessa jiraata?

Posted: Adoolessa/July 24, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (3)

Abdii Boruutiin*

Uummatni ykn sabni gabrummaa keessa jiru yoomiyyuu jiruu fi jireenya gaarii qabaachuu baatullee, haalli uummatni keenya, uummatni Oromoo keessa jiru yeroodhaa yerootti hammaachaa dhufee; sadarkaa hamaarra akka gahe kan ifaa ifatti mul’atu waan ta’eef, kanaaf ragaa dhiyeessuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Sabni Oromoo, qabeenya uumaadhaan badhaafame Oromiyaa dacheen ishii jiituu fi badhaatuu taate otuu qabuu, har’a diinotni isaa biyya isaarratti abbaa qabeenyaa ta’anii yeroo sooramaa jiranitti, uummatni keenya garuu akka nam-tokkoottis ta’ee gamtaadhaan jiruu namaa gadii fi gadadoo daangaa hin qabne keessa jira. Rakkoolee uummata keenya hudhanii qaban nan barreessa yoon jedhe, tarreessee fixuu waanan hin dandeenyeef, kana keessaa bahuuf Oromoon maal godhuu qaba waan jedhutti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha jedheen yaada.

Qabxiin guddaa ani kaasuu fedhu fi sararas jala butuu barbaadu, har’a gabrummaa Habashaa, kan yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessatti uummatni keenya dararamuun waan diinni keenya jabaateef otuu hin taane waan Oromoon fedhii tokko dhabeefi. Fedhii tokko dhabuun ammoo kaayyoo adda addaas akka qabaatan nama taasisa. Fedhii ykn kaayyoo adda addaa qabaachuun adeemsa qabsoo bilisummaa sakaala; karaa bilisummaa dheeressa; diina keenya jabeessee uummata keenya hamilee cabsa… Oromoon fedhii ykn kaayyoo tokko qabaachuun murteessaa dha. Fehdii Oromoon qabu ammoo fedhii dhuunfaa otuu hin taane fedhii sabaa (national interest) ta’uu qaba. Bu’aa dhuunfaa yeroof argannu dhiisnee bu’aa uummata keenyaa fi egeree saba keenyaa yaaduu qabna. Bu’a har’a diina jala kaannee argachuu dandeenyu caalaa bu’aa boru akka sabaatti argannu ilaaluu qabna. Kun ta’uu kan danda’u, yoo fedhii tokko qabaanne fi akka ilmaan abbaa fi haadha tokkootti walbira dhaabbanne qofaa dha.

Fedhii tokko qabaachuu jechuun maal jechuudhaa? Yoo tokko gara bitaa deemu, kan biraa gara mirgaa deemuun; yoo tokko qabsoo saba keenyaatiif lubbuu isaa dhabu kan biraa diina jala kaachuun; yoo tokko dhukkubsatee waan ittiin tajaajilamu dhabu; beelayee fi dheebotee waan ittin bitatu dhabu; qayee isaarraa buqqayee, kadhataa ta’ee karaarratti argamu; kan biraa jiruu gaarii jiraachuuf jecha maxxannee diinaa ta’ee umurii gabroonfataa dheeressun fedhii tokko dhabuu dha. Warrumti qabsoo kana keessa jirraniyyuu, qabsoo bilisummaa Oromoo irra deebi’anii xiinxaluu qabu. Qabsoon bilisummaa Oromoo maaliif eegalame? Gaafiin uummata Oromoo gaafii gabrummaa (colony) ti moo miti? Jedhanii irradeebi’anii gamaaggamuun barbaachisaa dha jechuu kooti. Gaafiin saba keenyaa gaafii gabrummaa akka ta’e waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Haalli keessa turre fi har’as keessa jirru kan waan kana mirkaneessu dha. Maarree, gaafiin gaafii gabrummaa yoo ta’e ammoo, uummatni gabroome bilisoomuu fi biyyi diinaan qabamtes walaboomuun dirqama ta’a. Kaayyoon QBO ifaa ifatti hiikkamuun (clearly defined ta’uun) barbaachisaa dha.

Wareegama hir’isuuf, karaa hidhannoo dhiisnee karaa nagaatiin qabsoofna jechuun yaaduma ka’uu qabuu dha. Otuu karaa kanaan galii tokko gahuun danda’ame, kun silaa waan gaarii ture, akka hawwiitti. Haa ta’u malee, karaa nagaatiin qabsoofna jechaa hidhamuun, dararamuun, ajjeefamuun, biyyarraa baqachuun, baqataniis du’uun eega hin hafinii karaa kanarratti cichuun eessa gahuufi? Diina keenya qawwee itti kaasuu baannus, inni qawwee nutti dhukaasuu hin dhaabnee bar!! Dubbichi akka makmaaksa Oromoo: “Harka ormaatiin ibidda qabuun nama hin dhibu” jedhu hin ta’in malee, yoo lolan malee karaa biraatiin bilisummaan uummata Oromoo fi walabummaan Oromiyaa waan argamu natti hin fakkaatu. Diinni humnaan, qawweedhaan dhufe, humnaan malee namarraa hin deemu. Kana isaanuu ifaa ifatti dubbachaa turan, jirus. Akka keenyatti lolaatii bilisummaa argadhaa nuun jechaa jiruu mitii?

Har’a kan dur caalaa haalli Oromiyaa fi Oromoon keessa jiran baay’ee baay’ee yaaddessaa ta’ee jira. Diinni tooftaalee adda addaatti fayyadamee, duguuginsa sanyii nurratti dalagaa jira. Saba bal’aa gara saba bicuutti jijjiiruuf ciminaan irratti hojjetamaa jira. Dachee Oromiyaa cicciranii dhiphisuuf; kan hafte sanaayyuu bakkee lamatti addaan kutuuf; lakkoofsa uummata keenyaa xiqqeessuuf duula hamaa nurratti gaggeessaa jirti Wayyaaneen. Gochii duguuginsa sanyii Oromoo kanatti milkaayuuf, tooftaalee Wayyaanotni lafa kaawwatan keessaa inni tokko Maastar Plaanii Finfinnee ti. Karoora kana bakkaan gahuuf, tooftaa isaan baafatan keessaa inni tokko waayee misoomaa fakkeessanii; Oromoota fedhii dhuunfaatiif dursa kennan ofitti harkisuuf maqaa “DIYAASPORAA OROMOO” jedhuun Oromoo oromoodhaan balleessuuf karoorfatanii jiru. Har’a Oromoon yaamicha kanaaf owwaachuun hafee; gamtaadhaan tokkummaadhaan shira kana dura dhaabbachuu baatnan badiin nutti dhufaa jiru jala kaattuu diinaatiifillee waan hafuu miti.

Yeroo Oromoon walbira dhaabbatee tokkummaadhaan diinaan falmu amma ta’uu baatnan, bilisummaan nu barbaadnu fi Oromiyaan nuti ijjaarrachuuf hawwinus abdjuu ta’anii hafuu akka danda’an shakkiin hin jiru. Kun sodaa fi abdii kutachuus miti; balaa namatti deemaa jiru alaalatti arguu danda’uu dha. Kan amma nu nyaachaa jiran Wayyaanotni nama-nyaaatan otuu jiranuu; warri sirna durii sana nutti deebisuuf hawwii fi abjuu qabanuu kutatanii loluuf

qophaayaa yeroo jiran kana Oromoon callisee taa’uun; fedhii sabaa dhiisee kan dhuunfaatiif dursa kennuun badiitti nu geessa jedheen amana. Hamma balaan deemaa jiru tokko nama bira gahee harkaan nama qabatutti ykn nama hudhutti callisanii ilaaluun badiif of qopheessuu dha. Shira diinni nurratti dalagaa jiru dura dhaabbachuuf; qabsoo keenyas cimsinee uummata keenya gadadoo fi qaanii keessaa baasuuf qabxiilee armaan gadii akka dhaamsa Oromummaatti dhiyeessuun fedha:

  • Oromoon amantii fi ilaalcha fedhe haa qabaatu, garuu akka ilmaan abbaa fi haadha tokkootti wal jaalachuu, wal kabajuu, wal obsuu fi keessumaayyuu ammoo yeroo rakkoo walbira dhaabbachuu;
  • Jiruu fi jireenya gaarii har’aatiif yookaanis bu’aa yerootiif jennee fedhii uummata bal’aa Oromoo kan faallessu, diina jala kaachuu fi ergamtuu isaanii ta’urraa of qosachuu;
  • Oromoon akka nama tokkoottis ta’ee gamataadhaa dirqama Oromummaa bahuuf maaltu narraa/nurraa eegama jedhee/jettee ofgaafachuu fi karaa danda’amu hundaan qabsoo kanaaf gahee taphachuu ykn/fi qooda gumaachuu;
  • Uummata ijaaramee fi gurmaayetu humna ijaaruu waan danda’uuf, bifuma fedheenuu haa ta’u wal ijaaruu fi uummata keenyaaf sagalee ta’uu;
  • Tokkummaan jaarmayootni Oromoo uuman ykn uumuu barbaadan, tokkummaa waraqaarratti mul’atu qofaa otuu hin taane, kan hojiidhaan agarsiisee bu’aa ykn jijjiirama tokko fidu ta’uu qaba;
  • Karaa nagaatiin qabsoon kun milkaayuu akka hin dandeenye hubatamee; qabsoo hidhannoo cimsuu; Waraanna Bilisummaa cimsuuf Oromoon hunduu dirqama ofii bahuu qaba. Akkuma OMN kunoo maallaqa uummataatiin ijaaramee milkaaye, maallaqa uummata Oromootiin Waraana Bilisummaas jabeessuu fi cimsuuni ni danda’ama;
  • Warri, qabsoon karaa nagaas ittifufuu qaba jedhanii tooftaa kanarratti cichanillee caalaatti kan sodaatamuu fi kabajamuu danda’an qabsoon hidhannoo yoo duubaan cime qofaa dha jedheen amana; Kanaafuu, isanillee qabsoo hidhannoo balaaleffachuu dhiisanii karaa lafa jalaatiin deeggarsa godhuu qabu;
  • Kayyoo addaa addaa fi karaa garagaraallee yoo hordofan, jaarmayootni Oromoo walaba ta’anii ijaaraman kaayyoo fi karoora waloo kan yeroo gabaabaa tokko uummachuu fi isa kana bakkaan gahuuf TUMSA ijaaruu;
  • Hoggantootni jaarmayoota amma jiranii hunduu, dhaloota haaraa ofjalatti ijaaranii hogganummaadhaaf qopheessuu; suuta suuta hoggantoota dhaloota haaraatti dirqama dabrsuu fi ofiif gahee gorsaa taphachuu;
  • Hoggantootni jaarmayoota Oromoo, haala qabsoo kana ittiin gageessani fi aadaa hogganummaa ittin kennan yookaanis adeemsa (approach) isaanii jijjiiruudhaan hogganoota uummata wajjin quba walqabu; kan uummataan mar’iatu fi uummata mari’achiisee yaada uummataa dhagawus ta’uu qabu.

Qabsoon uummata keenyaa, har’a qabsoo bilisummaa qofaa otuu hin taane, caalaatti qabsoo jiruu fi jireenyaa waan ta’eef, uummatni keenya jiruu namaa gadii fi gadadoo kana keessaa akka bahu ilmi/intalli Oromoo dirqama Oromummaa bahuu qaba/qabdi. Dirqama kana bahuunis yeroon isaa amma.

Galatoomaa.

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Naga'oo Reply

    July 25, 2015 at 5:16 am

    Obboo Abdii dursee otoo barruu tee guutuu hin dubbisin jechuma mata duree barruu teetii ilaalee dhugaa irraa sodaatamu hundeeffadhee siif deebisuu yaala.
    Ummatni Oromoo gadadoo keessaa ka bahuu danda’u
    1.Yoo OPDO hoggaantota Waa yaadneen irra keettee ummata keenyaan bitaa jirtu of irraa geegessitee walaba taatee ummatatti dhugaa turee fi jiru ifa baastee akka mari’atee falachuu danda’u goote.
    2.Yoo gartuuleen Asmaraa teette dantaa Sha’abiyyaatiif ummata fajaajessitu dhiistee,nuti harka alagaa keessa jirraa homaa harkaa isiniif hinqabnu nu dhiisaa faladhaa ummata Oromootiin jeettee dhugaa itti himtee,mari’tee falatee gadadoo isaan diinaaf tumsaa keessatti darban keessa ba’uu danda’a.
    Galatoomi

  2. Jote Reply

    July 28, 2015 at 4:07 pm

    Obbo Abdi Boruu wan ati tarreesite kun martinuu jedhamee, himamee dadhabame. Qabsoon Oromoo erga hidhame waggan 20 oltarera. Dubbin akkuma jedhame warri qabsoo hidhannoo gaggesina jedhan gadi bahanii soda tokko malee dhugaa jiru uummatatti himuu qabu. Qabsoon hidhannoo akka arginutti bu’aa inni fide hin jiru. Jiraachuun isaas nama shakkisisa. Yeroo akkana jedhamu warri hedduu dallanan jiru.Haala qasoon itti burjaja’uu danda’ef isaan qofatu itti gaafatama jechuu miti. haala adunyaa fi keesumaa siyaasa biyyota ollaa keenyaa keessatti uumamedha gar tokko kan sakaalee qabe. Sakaalaa kana keessaa bahuf garuu wanti hojjetame tokkole hin jiru jechun ni danda’ama. Jarreen Asmaraas ta’e warri Ameerikaa kana booda haala kana jijjiru jedhamee kan yaadamu miti.
    Kanaafuu falli jiru ofif dadhaban horiin walitti buusamee Faranjille haata’u gorsituu bitachudhan fala barbaaduun yoo danda’amef yaaluu dha.

  3. jalaata jima. Reply

    July 29, 2015 at 7:10 pm

    Obbo boruu,thank you.what raised is real.your concern is very legitimate.it is time to stand against those collabrators,in the diaspora, who are ready buy /sell in the name of “misooma”.
    This blood trusty wayyanee leaders, are on the verge of implementing the recent master plan of expansion for oromo student died.
    How long this will continue.
    May it is time for independent liberation leaders
    1/ work togethor on the national interest as oromo nation.
    2/make the struggle popular stuggle, (instead of abc organization).you see why omn is so successful.
    If we do that we shall over come and get back our country from colonizers.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *