Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Abdii Boruu:- Garaagarummaa AFD fi PAFD

Posted: Hagayya/August 10, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Abdii Boruutiin*

Gara dhimma mata-duree kanaatti otuu hin seenin dura, jechootni lamaan AFD fi PAFD Afaan Ingiliziitiin (AFD = Alliance for Freedom and Democracy; PAFD = Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy) yommuu ta’an, barreeffama kiyya keessatti ittifayyadamuudhaaf akka natti tolu garuu Afaan Oromootiin akkanattin ibsa:

AFD = TBD (Tumsa Bilisummaa fi Diimookraasii)

PAFD = TUBD (Tumsa Uummataa kan Bilisummaa fi Diimookraasii)

Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, warri tumsa kana ijaaran, yoo jechoota lamaan kana Afaan Oromootiin karaa biraatiin kan hiikan ykn ibsan ta’e, dogoggora asitti godhameef dursee dhiifama gaafachuun fedha. Itti aansuudhaan, warra ykn jaarmayoota tumsa haaraa kana ijaaraniin baga gammaddan, baga milkooftan jechaa; tumsi haaraan kuni ammoo kan humna cimaa uumee, injifannoo fidu akka ta’u hawwii kiyya ibsuun barbaada.

Kaayyoon barreeffama kiyyaa waayee tumsa lamaan kanaa labsuu otuu hin taane, akka yaada, ilaalcha fi hubannoo dhuunfaa kiyaatitti, dhiibbaa isaan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qaban; akkasumas tumsi kun lamaan akkamitti akka hubataman yookaanis hubatamuu danda’an yaada koo ibsuufi. Akka yaadolee namoota garagaraa irraa hubatamutti, tumsi kun lamaan garaagarummaa akka hin qabnetti fudhatama. Haa ta’u malee, akka ilaalcha kiyyaatitti, kaayyoon tumsa lamaanuu walfakkaataa ta’uu malullee, TUBDn TBD irraa adda akka ta’un hubadha. Qabxii guddaan kan TUBD TBD irraa adda taasisu, tumsi haaraan kun (TUBDn) tumsa bilisa baastota ykn jaarmayoota saboota cunqurfamoo qofaa waan hammateefi. Waan kana ta’eef ammoo, dhiibbaan tumsi kun mooraa QBO keessatti fidu akka yeroo TBD sanaa ni ta’a jedhee hin yaadu. Yeroo TBDn ijaarame sana komii guddaan uumame fi mooraa keenya keessatti waldhabbii fide, waan tumsi sun jaarmayoota Habashaa hammateefi natti fakkaata.

Haallii tumsi haaraan kun ittiin uumame garuu kan yeroo sanaarraa waan adda ta’e natti hin fakkaatu. Maal jechuu kooti? Jaarmayoota keenya keessa isaanii beekuu baadhullee, yeroo TBDn uumame sana jaarmayoota keenya jidduutti ijaarsa tumsa sanaarratti waliigalteen waan godhame natti hin fakkaatu. THBO (ULFO) yeroo sanaa keessatti addaan faffaca’insaaf sababa guddaa kan ta’eyyuu waayee ijaarsa TBD ti jedheen yaada. Mooraa QBO keessatti waliigaltee fi tokkummaan otuu hin uumamin tumsa alaa keessumaayuu jaarmayoota Habashaa waliin tumsa ijaaruun sun rakkoolee adda addaa fide jedheen amana. Har’as taanan, ABO duraan garee lama turan (ABO Shanee fi ABO QC) tokko ta’anii, waliigaltee uumanii tumsa haaraa kana (TUBD) haa ijaaran malee, ammallee jaarmayootni Oromoo, kan kaayyoo walfakkaataa qaban akkuma garagara hiramanitti waan jiraniif; haalli tumsi TUBDn ittiin uumames kan yeroo sanaarraa adda waan ta’u natti hin fakkaatu jechuu kooti.

Akka yaada fi hawwii kiyyaatitti, silaa kan dura ta’uu qabu ykn dursuun irra ture, sadarkaa duraarratti yoo danda’ame TOKKUMMAA yoo hin danda’amne ammoo TUMSA jaarmayoota Oromoo mooraa QBO keessatti uumuu fi sana booda tumsa alaa ijaaruutu gaarii ture. Waayee kanarratti kanaan duras, waggoota muraasa dura barreeffama tokko dhiyeesseen ture. http://gadaa.com/oduu/5136/2010/08/04/tumsa-hunda-hammataa-alaa-dura-tokkummaan-ykn-tumsi-mooraa-qbo-keessatti-ijaaramuu-qaba/ Haa ta’u malee, sadarkaa kana eeguu dhiisuun rakkoo waan fidu natti hin fakkaatu. Hanga tumsi haaraan kun (TUBDn) jaarmayoota saboota cunqurfamoo, kan kaayyoo fi galii walfakkaataa qaban, hammatetti wanti walitti nama mufachiisu waan hin jirreef, jaarmayootni Oromoo hafanillee suuta suuta tumsa kanatti dabalamuu ni danda’u jedheen yaada.

Sadarkaa kamiyyuu haa ta’u, tumsa jaarmayoota saboota cunqurfamoo ijaaruun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dhas. Ammas taanaan ejjannoon kiyya Habashoota wajji tumsa uumnee kaayyoo keenya galiidhaan ni geenya jechuun baa’yee na rakkisa. Kan bilisummaa fi abbaabiyummaa keenya humnaan nurraa fudhate Habashaa ta’ee otuu jiruu, isaan waliin tumsa uumnee galii keenya bakkaan geenya yoo jennu ofgowwoomsuu hin ta’uu? Dhugaa dubbanna yoo jenne, Habshootni kan Oromoo barbaadan tooftaadhaaf ykn nutti fayyadamuuf yoo ta’e malee, isaan wajjin tumsa ijaarree kaayyoo keenya galiidhaan gahuun akka hin danda’amne seenaa irraa baruun waan nama dhibu natti hin fakkaatu. Yoo dhugmuatti humnootni Habashaa, kan hiree murteeffannaa uummatootaatti amanan jiraatani fi isaan kun nu waliin tumsa ijaaruu barbaadan ta’anillee, booda akka rakkoo nutti hin fidne dura humnoota bilisummaa cimsuun wabii ta’uu danda’a jedheen amana. Kanaaf, tumsi jaaramyoota saboota cunqurfamoo keessumaayuu yeroo ammaa murteessaa dha.

Asirratti wanti hubachuu qabnu tokko, nafxanyootni haaraan (Wayyaanotni) fi nafxanyootni moofaan (Minilikootni haaraan) har’a aangoo fi qabeenya Oromiyaarratti waliin mormu malee, isaan hanguma fedhan waliigaltee dhabanillee, ilmaan sanyii tokkoo ti. Bakkee tokkotti waliif quuqamuun isaanii hin hafu. Hunda caalaa ammoo, diinni isaan lamaanuu waliin qaban saboota cunqurfamoo keessumaayuu saba ykn uummata Oromoo ti. Kun dhugaa lafarra jiruu dha. Ana kan na sodaachisu siriidhaa, har’a humna saboota cunqurfamoo kanatu laafaa ta’e malee; otuu humni keenya cime, Wayyaanotni fi Minilikootni haaraan waliigaltee uumanii tumsa akka waliif ta’uu danda’an shakkiin waan jiru natti hin fakkaatu. Isaan lamaanuu, akka nutti himaa jiranitti, eegdota immiyyee Itoophiyaa isaanii waan ta’aniif jechuu dha. Balaan kunis ammuma hubatamuu qaba. Otuu hin durfamin dursuun barbaachisaa dha. Malli fi falli kanaa ammoo humna bilisummaa saboota cunqurfamanii cimsuu dha. Humni kunis cimuu kan danda’u yoo tumsi jabaan uumame qofaa dha.

Egaa, gara xumura barreeffama kiyyaatti deemuuf, akka hubannoo kiyyaatitti, TBD fi TUBD jidduu garaagarummaan jira jedhee waanan yaaduuf, namootni beekaniis ta’ee otuu hin beekin; hubataniis ta’ee otuu hin hubatin, tumsa haaraa kana busheessuuf yaada diigaa irratti dhiyeessuun sirrii natti hin fakkaatu. Ani tumsa kana bakka bu’ee isaaf dubbachuuf otuu hin taane, kun barbaachisaa waan ta’eef; jaarmayootni hafanillee, kan kaayyoo walfakkaataa qaban, itti dabalamuudhaan humni tumsa kanaa cimee jijjiirama tokko akka fidu hawwii kiyya. Karaa biraatiin ammoo, dhaamsi ani carraa kanaan dabarfachuu barbaadu, yeroon jaaarmayoota bibixxilanii; beekumsa, dandeettii, qabeenya fi humna gara gara hiran dhaabbachuu qaba. Yeroon yeroo tokkummaa ykn tumsa ijaaranii humna mooraa keenyaa ittiin cimsan ta’uu qaba malee, yeroo uummatni Oromoo yoomiyyuu caalaa jiruu fi jireenya hamaa keessa jiru kanatti gara gara hiramuun bu’aa hin qabu. Yeroon ammaa yeroo Wayyaaneen yoomiyyu caalaa biyya keenya fi eenyummaa keenya balleessuuf; sanyii keenya duguuguuf murattee kaatee waan ta’eef, badii dhumaa kanarraa ofoolchuun dirqama Oromummaa ti.

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *