Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Abdii Boruu:- Qabsoon karaa nagaa dhugumatti Impaayara Itoophiyaa keessatti jijjiirama fiduu ni danda’aa?

Posted: Onkoloolessa/October 20, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)

Abdii Boruutiin*

Gaafii akka mata dureetti dhiyaate kanaaf otuu deebii hin barbaadin dura gaafii biraa kaasuu fi walbira qabaniis ilaaluun barbaachisaa dha. Innii kunis, qabsoon hidhannoo maaliif barbaachisa ykn maaliif barbaachise? kan jedhu dha. Gaafii isa lammataa kanaaf deebii kennuudhaaf qabsoo bilisummaa Oromoo akka fakkeenyaatti fudhadhee waan tokko tokko ibsuun yaala. Oromoon ykn uummatni Oromoo kan qabsoo hidhannoo filateef jaalatee otuu hin taane sababaalee adda addaatiin dirqamee ti. Isaan kana keessaa kan ijoo ta’an tokko tokko kaasuun yaala.

  • Tokkoffaa, durumarraa kaasee humnaan ykn qawweedhaan injifatamee; gabroonfattoota Habashaatiin biyyi fi bilisummaan isaa waan irraa fudhatameefi.
  • Lammaffaa, erga gabrummaa jalatti kufee jalqabee hanga har’aatti biyya abbaa isaa keessatti hidhamaa, ajjeefamaa, qabeenyi isaa saamamaa; diinni garuu Oromiyaa keessatti sooramaa; uummatni keenya ammoo beela fi gadadoodhaaf saaxilamaa; jireenya namaa gadii jiraachaa waan jiruuf, isa kana keessaa bawuuf jecha qabsoo hidhannoo gaggeessuuf dirqama.
  • Sadaffaa, akkuma seenaan impaayarittii agarsiisutti, mootummoonni Habashaa kan dhufaa dabran hunduu karaa nagaatiin jijjiirama fidanii hin beekan. Aadaa karaa nagaatiin aangoo walitti dabarsuutuu hin qaban hin beekanis. Aadaa akkanaa kana keessatti ammoo karaa nagaatiin bilisummaa argachuun sirumaa waan hin danda’amneef, qawwee kaasuu ala filannoon biraa hin jiraatu.

Egaa, barbaachisummaa qabsoo hidhannoo gabaabumatti ergan ibsuu yaale booda, gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, akkan barreeffama kana dhiyeessu kan na taasise marii Oromo-TV irratti Obboo Baqqalaa Garbaa waliin godhame dha. http://finfinnetribune.com/Gadaa/2015/10/marii-obboo-baqqalaa-garbaa-waliin/

Gara qabiyyee marii sanaatti otuu hin seenin dura garuu Obboo Baqqalaa ilaalchisee waan tokko tokko jechuun barbaada. Obboo Baqqalaan dhimma saba keenyaatiif jedhee wareegama kaffaluun isaa dhugumatti kan goota Oromoo isa jechisiisuu dha. Dirqama Oromummaa isarraa eegamu waan baheef, akkuma gootota lubbuudhaan wareegamanii innis galmee seenaa Oromoo keessatti bakkee guddoo qaba. Karaa itti amanuun qabsoo kana keessatti gahee isaa taphachuu fi qooda isaa gumaachuunis uummata Oromoo biratti kabaja guddaa isaaf kenna jedheen amana. Haa ta’u malee, marii sana keessatti deebii inni gaafiilee tokko tokkoof keessumaayuu waaye qabsoo karaa nagaa irratti kennuu yaale na hin quubsine.

Kaayyoon barreeffama kiyyaa Obboo Baqqalaa qeequuf otuu hin taane, yaada inni ibsuu yaale irratti yaadan qabu ibsuufi. Dhugaa dha, akka waliigalaatti yoo ilaalame, qabsoon karaa nagaa kan filatamu wareegama lubbuu hir’isuufi. Qabsoon hidhannoo caalaatti wareegama guddaa waan gaafatuuf jecha namootni karaa nagaatiin qabsaayuu filatu jechuu dha. Akka yaadaatti, kun otuu danda’amee filannoo gaarii akka ta’e waan nama mamsiisuu miti. Haa ta’u malee, akkuman armaan olitti tuttuquu yaale, impaayara Itoophiyaa sana keessatti karaa nagaatiin qabsoon godhamee jijjiiramni tokko ni argama jechuun anaaf abjuu dha.

Dubbiin tun akka makmaaksi Oromoo “Harka ormaatiin ibidda qabuun nama hin dhibu” jedhamu hin ta’inii, garuu humna ofii jabeessanii qabsoo hidhannoo cimsanii diina injifachuun yoo hin danda’amne, karaa nagaatiin bilisummaa fi abbaabiyummaa deebisanii argachuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Mee asirratti gaafiilee tokko tokko haa kaasnu: Qabsoo karaa nagaa gaggeessuu wayya jechaa; kana keessatti garuu hidhamuun, dararamuun, ajjeefamuun, bakka buuteen namaa dhabamuun erga hin oollee, wannumti karaa nagaa ti nama jechisiisuu maali? Erga nagaan hin jirree; erga duutis hin oollee, karaa nagaa ti jechuunuu hiikni isaa maali? Karaa biraatiin ammoo, diinnuu (Wayyaanotni) akka keenya lolaatii bilisummaa argadhaa nuun jechaa otuu jiranuu; karaa nagaatiin jijjiirama tokko isaanirraa eeguun akkamiti yaadama? Kan qawweedhaan aangootti dhufe, qawweedhaan malee san gadi lakkisuu akka hin dandeenye seenaa impaayarittii irraa hubachuun nama rakkisaa?…

Deebii Obboo Baqqalaa keessaa wanti naaf hin galle tokko, uummatni Oromoo uummata nagaa qabu fi nagaa barbaadu; uummata sirna gadaatiin walbulchaa ture; kan diimookraasiitti amanu akka ta’e kun dhugaa lafarra jiruu dha. Haa t’au malee, aadaa bareedaan uummata keenyaa kun mirga abbaabiyummaa keenyaaf akka hin lolle ni dhoowwa (dhorka) jedhee hin yaadu. Akka seenaan saba keenya agarsiisutti, aadaa bareedaa qabaachaas; sirna Gadaatiin bulaa fi walbulchaas garuu diina alaa irraa of ittisuuf uummatni keenya qawwees ta’ee meeshaa biraa otuu hin kaasin waan hafe natti hin fakkaatu. Amma ammoo erga diinni humnaan isa injifatee, biyya isaa qabate boodas qabsoo hidhannoo caalaatti akka gaggeessu isa taasisa malee, loluu dhiisnee akka gabroonfataan nutti taphatu aadaan keenya waan hayyamuu miti. Filannoon bira hanga hin jirretti; qawwee kaasuun dirqama hanga ta’etti, aadaa fi amantaadhaan wal qabsiisanii qabsoo hidhannoo lagachuun sirrii miti jedheen amana.

Marii sana keessatti, wantin hubadhe kan biraa tokko ammoo, gaafiilee Obboo Baqqalaaf dhiyaatan sanatti deebii dabalataa kennuuf yaalii Obboo Nageessaa Oddoo Duubee kennes na hin quubsine. Obboo Nageessaan haala bara 1991 ture fi kan har’aa walbira qabee ibsuu yaalee ture. Akka hubannoo kiyaatitti, jijjiiramni yeroo sana (bara 1991) argame sun waan karaa qabsoo nagaatiin argame fakkeesse. Kuni garuu dhugaa miti jedheen yaada. Kan jijjiirama yeroo sanaa fide qabsoo hidhannoo cimaa sana dura ture malee dhugumatti karaa nagaatiin qabsaayamee miti. Mootummaan Mangistuu qabsoo karaa nagaatii kufe jechuu dhaa??? Dhugaa dha, dammaqinsi uummata Oromoo yoo ilaalame jijjiirama ABOn bara 1991 fide sana irraa bu’aa guddaatu argame. Haa ta’u malee, ABOn qabsoo karaa lamaa gaggeessaa achi gahe. Karaan tokko qabsoo hidhannoo cimsaa yoo ta’u; karaan biraa ammoo uummata dammaqsuu dha. Har’a garuu dammaqinsi uummata keenyaa yoomiyyuu caalaa sadarkaa guddaarra haa jiraatu malee, hanga qabsoon hidhannoo cimaan hin jirretti dammaqinsi uummataa kophaan jijjiirama ni fida jechuun nama rakkisa.

Amanamus amanamuu baatus, akka ilaalcha kiyyaatitti, dammaqinsa sadarkaa olaanaa uummata keenyaa kana keessatti; yeroo sabboonummaan Oromoo yoomiyyuu caalaa lalisaa jiru kanatti, otuu qabsoon hidhannoo cimee irra caalaatti qabsoo kana galii hawwametti geessuu danda’a malee, karaa nagaatiin qofaa hojjetamee jijjiirama tokko argachuun rakkisaa ta’a. Rakkisaa qofaa otuu hin taane waanuma hin danda’amne jedheen yaada. Wanti godhamuu qabu dubbii ijoon hunduu karaa danda’aniin qabsoo kanatti hirmaachuu dha malee, qabsoo karaa hidhannoo lagachuun; karaan kun akka waan hin danda’amneetti ilaaluun haala ammaa wajiin waan deemu natti hin fakkaatu. Karaan qabsoo hidhannoo yoo cime qabsoo karaa nagaatiifillee tumsa akka ta’u dagachuu hin qabnu. Mee ammas asirratti gaafii tokko haa kaasnu: bara 1991 otuu ABOn qabsoo hidhannootiin cimuu baatee, jijjiiramni biyyatti sana keessatti dhufuu ni danda’a turee? Kan Oromiyaa kaartaa irratti akka mul’atu taasise qabsoo hidhannoo gaggeeffamaa ture malee, karaa nagaatii kun hundumtuu hin argamnee bar!!!

Dhumarratti, qabsoon bilisummaa fi abbaabiyummaa Oromoo karaa danda’amu hundaan gaggeeffamuu qaba malee, karaan kun gaarii dha karaan sun gaarii mtti wanti nama jechisiisu hin jiru. Haa ta’u malee, ammas akka ilaalcha fi yaada kiyyaatitti, qabsoo karaa nagaatiin impaayara sana keessatti jijjiirama fiduun ni danda’ama kan jedhu ana baay’ee na shakkisiisa. Haa xinnaatu haa baay’atu Oromoon humna ofii cimsee, qabsoo hidhannoo jabeessuu baannan bilisummaan achi nurraa fagaachaa akka deemtu shakkiin hin jiru. Hammuma bilisummaan achi fagaachaa deemtu ammoo, diinni tooftaa fi tarsiimoo adda addaatti fayyadamee biyya teenya kan boruuf abdannu sanaayyuu, Oromiyaa teenya, balleessuuf deemaa akka jiru Oromoon hunduu hubachuu qabu. Hunda caalaa kan nurraa eegamau qabeenya, dandeettii, beekumsa fi humna keenya qofaa abdannee; ofitti amanuu keenya cimsinee qabsoo kana shafisiisuu ala furmaatni biraa hin jiru. Yoo kutannoo fi ofitiamanummaan jiraate, nutis waan barbaadnu sana wanti hin arganneef sababni ni jira jedhee hin yaadu.

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Abdi Reply

    October 20, 2015 at 2:12 am

    Obbo Boru dhugumatti yaada qabssoo karaa naga’aa moo qabssoo qawwee wayya jedhu dubbiin dubbii waan qaban hunda walmadii adeemsisisuu barbaachisuudhaati. fknaf bu’aa qabsoo karaa naga’a argaman.

    1ffa Presidantii Libiyaa( Muamar Al kazzafi) 2ffa Hussnii Mubarak (Egipt) 3ffa ZEYD BIN ALI (Tunisia) ALI Abdalla salih(Yemen) The list gose on kan bu’an bu’aa qabssoo Ummannii karaa nagatiin godhan irraa ta’uun isaa seena kalessaatii.

    kan biraa kan karaa nagatiin qabsawnii hallii walxaxaan isaan mudatee Ummata Suriyaa kan argaa jirtuudha.gabaabinummatti nutis haalota kana ala ta’u hindanda’u kanaaf jecha waanuma hundaa recalculate gocha tarsiimo cimaafi waligaltte(been smart) taudhan je’aa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *