FinfinneTribune.com is Gadaa.com

ABO: Maqaa ABOn Afanfajjii Uumuun Qabsoo Bilisummaa irratti Yakka Raawwatuu dha

Posted: Muddee/December 8, 2016 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (11)

Ibsa ABO

—-

Maqaa ABOn Afanfajjii Uumuun Qabsoo Bilisummaa irratti Yakka Raawwatuu dha

ABOn baroota dheeraaf QBO humneessuun galii isaatiin gahuu irratti ifatti hojjatuun kanneen sababa adda addaan dhaaba irraa adda bahan walta’iinsa uumuun dhaabatti akka deebi’an taasisaa akka ture ifaa dha. Waltahinsoota QBO jabeessan adda addaa godhaman keessaa Waltahiinsa Shanee ABO fi QC-ABO Waxabajjii bara 2014 Berlinitti tahe isa tokko.

Waltahiinsa ifatti hawaasa duratti godhame kanaanis miseensotni gam-lameenii walitti deebi’uun caasaan dhaabaa hundi sadarkaa ol aanaa irraa hanga gadiitti wal fudhachiifamee waliin dirqama fudhatuu fi hojjatuutti bobbahame. Kunis mooraa qabsoo bilisummaa jabeessuuf kan gumaachu tahuun hawaasa keenyaan itti amanamee deggersa bal’aa irra argatuun hin dagatamu.

Haa tahu malee murni gabaabaa walii galteetee godhame diiguudhaan dirqama dhaabaa fudhachuu diduun sirna dhaabaa cabsuutti tarkaanfate. Haala kana daddaffiin furmaata itti godhuuf dhimma kana KHR ilaalee murtii GSf dhiheesse. Qaamni dhaabaa ol aanaa kunis Koreen Seeraaf Toannoo (KST) qaama lameen irraa ijaarame dhimma kana qoratee GS-ABOf akka gabaasu ajajuu irraa Koreen Seeraaf To’annoos qorannoo gaggeessee qaamni qurrama qabu kun teessuma GS irratti yaada isaa dhiheeffatee furmaatni akka itti barbaadamu akeeke. GS yaada akeekame kana irratti hundaa’uun gartuun sirna cabsuun dirqama fudhatuu dide Koreen itti ijaaramee tessuma GS irratti hirmaatuun rakkoo qaba jedhu akka ibsatu afeerame. Tattaaffii seera dhaaba irratti hundaa’uun taasifame kana gartuun seeraa dhaabaan ala of taasise kun seeraa fi sirna dhaabaan ol of godhuudhaan waamicha godhameef diduun furmaata karaa nagaa, sirnaa fi ilaa fi ilaameen dhibdee jira jedhamu akka furamuuf fedhii dhaabni agarsiise gufachiise. Akka kanaanis yeroo ummatni Oromoo guddaa xiqqaan golee Oromiyaa hunda keessatti tokkummaan diina kokkee qabaa jiru kanatti murni seeraa fi sirna dhaabaaf abboomamuu dide kun maqaa ABOn ibsa ammas marraa lammaaffaaf mooraa qabsoo bilisummaa keessatti afanfajjii uumu Muddee 6, 2016 baasee jira.

ABO ibsi seeraa fi sirnaan alatti maqaa ABOn baafame kun kan fudhatama hin qabnee fi seeraa alaa tahuu hubachiisuu barbaada. Kanneen qabsoon bilisummaa ummataa finiinuu irraa hirribaa dammaqan akkanaanis miseensotnii fi deggertootnii, walii gala ummatni Oromoo tarkaanfii gaafatama dhablee akkanaa gurra laachuu dhiisuun qabsoo diina irratti itti jirru finiinsuu irratti akka fuulleeffatamu ABO yaadachiisa. Kana waliin kanneen ABOn teessoo fi bakka bu’aa beekamaa akka qabu osoo beekanii ibsa dabre kana osoo adda hin baafatiin midiyaan labsuun yakka tahuu ABOn hubachiisa. Fedhii aangoof jecha shirri qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hojjatamu kamuu akka hin milkoofne seenaa kanaan duraa irraa baratuun ummatni Oromoo akkuma kanaan duraa tokkummaan QBO jabeeffataa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ABOn hogganamu akka finiinsu ABOn shakkii hin qabu.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo
P.O. Box 6973 Asmara, Eritrea
Tel: 2911 110236
Email: Caalchis@gmail.com
Website: OromoLiberationFront.org

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Sorsa Reply

    December 8, 2016 at 8:59 pm

    OK! We are back to square one.
    “Waaqni” jedhan kun otoo jiraatee saba kana keessatti nanuumu ture.

  2. Sorsa Reply

    December 8, 2016 at 9:17 pm

    We need none of them!!!
    The entire liberation army must be lead by the youth form Oromia! No oromo should accept any orders from them and so called KWO. None of them achieved anything from exile but compete to feast on blood of our people. Daud Ibsa made this crystal clear after Bishoftuu massacre when he said I am leading the public protests.

  3. kamx Ali Reply

    December 8, 2016 at 10:17 pm

    Fedhii Aangoof kan akka keessanitti gaggabaa jiru kamtu jira? Ummata waggaa 18 aangoof jedhee tokkummaa Oromoo diigaa jiru. yoo dhugaa Dimokraasitti amantan angoo wal jijjiiruu irratti hojjadhaa. yookiin waan wayyaaneen adda isin godhu tokkollee hin agarre nuti.

  4. Hirphaa Reply

    December 9, 2016 at 4:25 am

    Yaa Shanee:

    Waaqayyo isin haa dhabamsiisu.Sammuu keessan haa jaamsu. Isin diinaaf hojjattu. Isin farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Isin farra tokkumaa Oromoo ti. Isin farra Oromoo ti. An har’a irraa jalqabee, miseensummaa keessan ofirraa mulqee qiletti gatee Jira. Har’a irraa jalqabee ABO dha. An J/Galaasaa Dilboon hoogganama. Wagga hedduuf, nu sobaa turtan. Har’a qullaa haftan.

    Down, Down with Shanee!Down, Down with Wayyaanee! Shanee=Wayyaanee.

  5. Gamechu Reply

    December 9, 2016 at 7:53 am

    Shame on you
    Hattoota dhiiga ilmaan oromootin daldaalu
    Waaqni oromoo dhabama isin haa godhu

  6. Giiftii Reply

    December 9, 2016 at 1:20 pm

    Maali hogganni qaanyii hin beeyne garuu? Dhiiroo namni kun dhugumaan Oromoo dha? Ani gama kiyyaan shakkii guddoo qaba. Galaasaa Dilboo milkaahi sin jennan.

  7. Abdurezak Reply

    December 9, 2016 at 8:45 pm

    Salphina, seenaafi salphina gama boodaa jedhamaa mitiire. Hanga isin Raadiyoo urga dhalatte guyyaa takkas qiyaamaa akka dhufe hinbeekne, guyyaa takka dhugaa irratti dubbatanii hinbeeknee himamuu dhabee. Ummata nama ufitti qabuu hinbeekne. Maaxarii. Waraabiyyi namaaf kabajaa hinbeekne. Harreen raada waliin oolte dhuufuu barte galte jedhamaa mitire. Isin akkuma isayaas ummata dararaa jiraatu isinis qabsoo oromoo diigaa jiraachuu itti fuftanii jirtu. Rabbi fayyaa isin haadhoorgu. Dhagaa Eertiraa keessaa isin hin baasin.Rabbiin WBO immoo isa lubbuu isaa kenne bira haadhaabatu. WBOn dhugamaan yoojirattan qabsoo fuudhaa gara biyyaa. San ta’uu baannaan ololli maqaa waraanaa hinjirren gurguramu hafuu qaba.
    Oromiyaan ni Walaboomti!!

  8. Naafyaadi Reply

    December 9, 2016 at 8:50 pm

    Even they couldn’t lead ABO,this people they mentally sick on the head also they make Oromoo people so ugly for their struggle. I think The Oromoo people need to kick them out this ruthlessly leadership for so long, there is no fruit. It’s so ugly all the time what they do in the name of the Oromoo struggle,even they are the worst then TPLF. There is some qoestion,why the Oromoo people are suffering under this Asmara group, do you think they better then wayyaane, one think I know Mr. Gala as a Dilbo he was sacrifice his life in the Oromoo struggle,he do what he can,but there is gang group for those took over his leadership and destroy the struggle and even they will continue they will destroy the Oromoo people and struggle,this is so ugly and will be,because still they have a chance in Oromoo society in the name of the Oromoo people. Finally this Asmara group they have the purpose and even they create the OPDO under the Asmara government the Oromoo people they will be suffer the Artificial group creating by the Elitrea or Asmara Government this lead by the Under the name of ABO, and the misery behind this it will come out later,again the Oromoo people will find another difficult time in the future to come,that upto the Oromoo.

  9. ebro Reply

    December 10, 2016 at 2:03 pm

    Namnni shanee jala hiriruu hin jiruu umanni Oromo of Barre jiraa deema ofira gala namnni gana Birri isniiti sadaqaatu hin jiruu

  10. Damboobaa Reply

    December 16, 2016 at 4:28 am

    We have been saying this for a long time. EPLF spies work hand in hand with the TPLF spies. Shaabia has a vested interest in keeping the fascist Woyane on power. Remember, most of the polit bureau members of TPLF are part Eriterians by blood. Sibhat Nega, one of the mafias in TPLF, has said that they would do anything to defend the interest and the sovereignty of Eriteria.
    They have used the OLF as a captive and a scare crow for their own interest. There were times when OLA some how became a relatively strong force even after they went to Asmara. However, they got decimated whenever they went to war with TPLF. The main reason for this is, all information about the movement of OLA is passed on to the TPLF before hand. That is why the TPLF has been saying if you want to beat us go to the jungle and fight us. They say this because, the youth that wants to fight goes to the OLF. If they get a chance to reach Eriteria, they get trapped in EPLF’s conspiracy to play its cards with Oromo life.

    Don’t get me wrong, there could be some elements in the Eriterian society that genuinely want to support the Oromo people’s struggle. But, these ones do not have the power to make any difference in Shabia ruled Eriteria.

    The serious down ward spiral of the giant OLF, that was the pride of the Oromo people began after it became dependent on Asmara.

    Daud Ibsa bears a great responsibility for what happened to OLF. It is after he took the leadership of this organization that many factions of the OLF mushroomed. Everything stops at a leader’s door. If he really were committed to the struggle of the Oromo people and not to his own fate, he would have resigned long time ago.

    I am not a member of the OLF, however, I have a feeling that Galassa is a genuinely committed leader to the Oromo cause. He understands that the Oromo struggle should be independent from Asmara which is key and decisive point for me and for so many of my friends and relatives.

    So let us give Galassa a chance and support him with whatever we can. In the mean time Galassa should also work on preparing his own replacement from among the dedicated and heroic Qeerroo.

    If OLF is independent from the two cousins, it will get a lot of financial and moral support from home and from the diaspora. I am confident that OLA that is organized under such leadership will never be defeated as its secrets will be guarded and not given away to those who want to do us harm.

    Let us move forward with Galassa and make our freedom happen!

  11. Awaas Reply

    December 17, 2016 at 8:18 am

    Oggantoota ABO: bara 1973 amma 1992-tti ciccimoon akka keessanii hinmul’anne.
    Bara 1993 amma 2016-tti mujujjuun akka keessanii hinmul’anne. Kanaaf dargaggoof dhiisaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *