FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Ob. Ibsaa Guutama welcomes Jaal Galaasaa Dilboo as leader of “true OLF”

Posted: Muddee/December 10, 2016 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (5)

IbsaaGuutama201452.jpg

The following are bilingual Facebook posts of Obboo Ibsaa Guutama, the veteran Oromo political leader and author of “Prison of Conscience,” a book that narrates the politician’s decade-long life behind the Ethiopian maximum-security prison known as Maikelawi in the 1980’s as a Prisoner of Conscience. The posts speak about the elections of Jaal Galaasaa Dilboo and Jaal Mulugeetaa Moosisaa as leaders of the “true OLF” (using Obboo Ibsaa’s term to denote the OLF led by Jaal Galaasaa Dilboo). Obboo Ibsaa also shunned criticisms targeting the ages of the leaders.

Ramaddii yeroon fedhu: Yeroon rakkoo jabaa warraaqxota jajjaboo feesisa. Maqaa jaalbiyyoota lamaanii, Galaasaa Dilboo fi Mulugeetaa Moosisaa hogganoota ABO isa dhugaa tahanii filamuu dhagahuun aaga guddaa dha. Goototi qabsichaa kun, irbuu ummataa fi jaallewwan saanii kufaniif galan utuu hin ganinii; utuu gara hin gaggalinii fi qabsoo Oromoo irraa hin dheessiin hamma hardhaatt jiraatan. Jaallan, kabajaan “Ishoo!” isiniin jedhaa, bara hamtuu baraarammi sabichaa danqama keessa jirtu kana akka milkiin hulluuqxanin hawwaa. Qabsoo keenya akka jalqabnett injifannoon xumurra! Oromiyaan ni bilisoomti!

Jarmoti sochii bilisummaa bulcha Gadaa irraa addaa. Gadaan bulcha dhaabbataa fi tasgabaawaan jiraachuu heda. Jaarmoti bilisummaa dhaabota fedhaan hiriiraniiti. Isa jalqabaa keessatt angoon kan qabaatamuu namoota dhaloota tokkoonii. Isa lammaffaaf miseensoti hanga biyya ofiif aarsaa baasuuf fedhaanitt dhaloota kam irraayyuu galmaawuu dandahu. Tahus jarri kunis eegalee demokraasii akka seeraan bulmaataa, walqixxummaa miseensotaa, kennata hoggansaa, yeroon aangoo irra turamu murtaawuu, keessaanlaalummaa fi shakala demokraasii keessaa ulfeessuu qabu. Waggaa dhalootaa kan fedhaan itt seenanii murteessuun rakkisaa dha. Bobbaan kan tolfamu miseensota fedhaan galmaawan qofaan waan taheef filmaati hedduun hin jiru.

Timely assignment: Hard times require hardened revolutionaries. It is great to hear two names of Oromo patriots Galaasaa Dilboo and Mulugeetaa Moosisaa elected to lead the true OLF once again. These heroes of the struggle had never gone back on their promises for the nation and their fallen comrades, nor neither flip-flopped nor quit the Oromo struggle for so long. I salute you comrades and wish you all the best during this hard time when survival of the nation is in jeopardy. The Struggle we started we shall take to the finish victoriously! Oromiyaa shall bee free!

Shortcomings of liberation movements: Liberation movement organizations are different from Gadaa government. Gadaa Government assumes established stable administration run by same generation. Liberation organizations are formed by volunteers registered from all ages to sacrifice for freedom of their country. But, even these must adopt some elements of the Gadaa, like rule of law, equality of members, leadership by election, and limited terms of office, transparency, and internal democratic practices. As to age of actors no limit can be put on volunteers joining it. Because operations are done only by registered volunteers there is no much choice.

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Sorsa Reply

    December 10, 2016 at 5:22 pm

    Obbo Ibsa,

    Akkuma oromoota biraa anis kabajaa fi jaalala guddaan isiniifi obo Galaasaaf qaba.

    Garuu Ob. Galaasssan waan qabatamaa tokko dafanii lafatti agarsiisuu baannaan dubbiin kun oromo walnyaachisuuf deema. “Waa beekaaf Waaqni bofa miila dhoowwate” jedhu. Otoo dhabilleen oromoo FB irrati walnyaaatan kun meeshaa waranaas qabaatanii otoo diinati hindhukaasin lafa irraa walduguugu! Kanaafuu yoo boru ganama oromian “bilisoomtellee” yoo sirna Gadaatin bulte malee hoggantooni dhaabbilee siyaasaa sadarkaa akka saba tokkooti wal ilaalee akka nama tokkootti diina dura dhaabachuufi biyya tokko bulchuuti hinguddannee! Kun hanqinaa goodaati mu’atu dha.

    HUNDI isaanii hangoodhaa jedhanii waanti isaan hingoone hinjiru. Kanaafan Oromian akka Somalia ta’uu mannaa Ethiopia keessa turtee Sirna Gadaatiin yoo bulte wayya kannin jedhuuf. Kan hunda caala nagaddisiiisu moo galata qabasaawota wareegamanii fi Gooticha keenyaa Fayissaa Lellissaa Oromian addugnaa irraati beekamtee booda, yaroo diinni oromoo yoomiyyuu caala duguugga sagnii saba keenya irrati rawaawachaa jiru kana keessati akka nama tokkooti diina dura dhabachuu dagannee walnyaachuuti deebi’uu keenya. Sabni biyyaa alaa kan nugargaarruf yaalu lee “kunoo isinoo dhaabaa fi hooggana cimaa tokko hinqabdanii eenyu faana dubbana” jedhanii nutufatu. kun salphina, akka ilaalcha kooti.

    Oromoon dhuguma ob. Daud Ibsa aka hidhamaa Isayasiti malee akka H/D ABOti ilaalluu dhiiseera.
    Hata’u malee J. Galaasaa Dilboo dafee waan Daud hojjechuu dadhabe sana hojjetee agarsiisuutu irraa eegama.

  2. Danda'o Reply

    December 10, 2016 at 7:15 pm

    Yaa Obbo Ibsaa,
    Homaa waan qabsoo Saba keenyaa fayyadu hin qabuuf malee silaa akka keessaniif wanti isiniin jennu hedduu ture.
    Yoo du’atti achi dhihaatanis maquma ofii kan du’a booda namni kaasuuf illee xiqqoo qaanfachuun gaarii ture silaa.
    Galaasaan yeroo kanatti, haala tahee dabree fi haala amma jiru keessatti bakka jedhame kanatti moggaafamuun qabsoo Oromoof bu’aa qabaachuu baatus miidhaa hagana maraas waan hin fidneef kan sanii guddoo nama hin cinqu. Isas tahe isin warri akka nama guddaatti isin ilaalaa turre gadi deebitanii……..tahuutu akka miseensa Saba kanaatti xiqqoo nu qaanfachiisa. Maal goona egaa.

  3. Awaas Reply

    December 17, 2016 at 8:23 am

    Ammawoo Waaqni waan hunda danda’u otoo lafa kanarraa isin godaansisee.
    Qabata keessaniin qaanofnee ija hormaa keessa ilaaluu dadhabne.

  4. GP Gutema Reply

    December 17, 2016 at 11:23 pm

    Which OLF is Galassa Dibo leading now? Last I checked, there are roughly five groups that call themselves OLF, probably tenth one. Could it be better to call all groups together and address the current issue and find a way of uniting all forces, instead fragmenting? I am sure at least we could bring Dawud and Gallassa, even the pariah ODF, to discuss. My fear is not that Oromia will not be liberated with them or without them. My concern is when Oromia becomes free; we might end up like South Sudan or Somalia.

    Therefore, the differences have to be worked out now and not later. Do we have elder statesmen that could bring people together to find meaning full solution? I am hearing that OLF is being pulled apart by behind by scene wannabe leaders. These are groups that are playing the archaic Derg neftengna tactic, that would not fit for our solution, and still others are leftover of the by gone MESON. People should learn how to shed their wolves in sheep clothing character, and show there true nature for our people to be led by honest nationalists and not just pretend revolutionaries. Ideology is not going to set as free in a real world, except in the fantasy world.

    Long live liberated and free Oromia
    GP Gutema

  5. J. Jeeto Reply

    December 22, 2016 at 7:09 am

    Sorsa, Danda’o, Awaas, sadan keessanuu buchiloota Shane Guumitt. Hinqaanoftani yaggu waan hintaane asrat komputera duuba dhokatani cacartani. Waanuma feetan yoo jettanu Ibsaa Gutamaa irraa kabaja inni qabu waan xiqeesitani isinitt fakkaata? Saroonni Shanee jarmaya Oromo digdani, digdani ammamoo gara nam tokkeetti tarkaafatani. Maal godhu, uuummata Oromoottu akka malee isini obsaa jira.

    J. Jeeto

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *