Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Abdii Boruu:- Yaa’ii Hoggansa Oromoo (OLC) fi Gumii Oromiyaa Addunyaa (GGO)

Posted: Caamsaa/May 26, 2017 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (2)

Lamaanuu Oromoo dha, lamaanuu Oromoof, lamaanuu Oromoon uumaman: Rakkoon jiru maali?

Abdii Boruutiin*

Akkuma beekamu fi namuu hubachuu danda’u yeroo ammaa mooraa QBO keessatti waan haaraa lamatu mul’atee jira. Isaan kunis Yaa’ii Hoggansa Oromoo – Oromo Leadership Convention (OLC) kan jedhamu fi Gumii Oromiyaa Addunyaa – Global Gumii Oromia (GGO) jedhamee kan dhiyoo kana ijaaramee dha. Isaan kana lamaanuu cimina sochii uummata Oromoo, keessumaayuu kan barattoota fi dargaggoota keenyaatu dhalche jechuu ni danda’ama. Sochiin uummata keenyaa, kan Oromiyaa keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru diina keenyarratti qofaa otuu hin taane Oromoorrattillee dhiibbaa jabaa godhaa jira. Isa kanatu OLC fi GGOn akka dhalatan taasise jechuun dha. Dhiibbaa sochii kanaatu Sabboontotni Oromoo walittidhufanii akka dhimma saba keenyaatiif waliin mari’atani fi waliin hojjechuuf murteeffatan taasise. Isaan kun lamaanuu Oromoodhaan ijaaraman; Oromoof hojjechuuf uumamna; isaan lamaanuu Sabbontota keenyaan uumaman. Erga dhugaan kana ta’ee ammoo rakkoon jiru maaliree?

Asirratti, rakkoon jiru maali? jedhee gaafii kanan dhiyeesseef waan naaf hin galletu jira. Kanaafan dhimma kanarratti yaada koo dhiyeessuuf mata duree kana filadhe. Akkuma miidiyaalee hawaasaa tokko tokkorraa hubatamutti, erga GGOn ijaaramee asis ta’ee sana duras dhaabbatni kun lamaan akka waan walfaallessaniitti yookaanis kaayyoo adda addaa qabaniitti; sana birallee dabree akka gufuu walitti ta’uuf deemaniitti ilaalama. Ijaaramuu GGOtiif affeerraa fi yaamicha godhameef diduudhaan jaarmayootni Oromoo tokko tokkos ibsa baasanii akka turanis mul’atee jira. Warri GGO ijaaranis yaamicha OLC irratti argamuuf fedhii akka hin qabnes ibsamee jira. Erga hunduu waayee uummata keenyaatiif quuqamanii; erga hunduu sochii uummata keenyaatiif tumsa fi gargaarsa ta’uuf kaayyoo qabaatanii; erga hunduu diina waloo kuffisuuf waan danda’amu ni goona jedhanii murteeffatanii; erga hunduu ilmaan Oromoo – ilmaan haadha fi abbaa tokkoo ta’anii; rakkoon asirratti uumame ykn uumamu maali?

Wanti qabatamaa ta’ee fi ragaa hin qabne tokko otuu hin jiraatin ykn hin mul’atin, gama tokkoon, warri OLC kaayyoo walabummaa Oromiyaa karaarraa maqsuuf; sochii uummata keenya kan biyya keessaa kanatti abbaa ta’anii kaayyoo ofii tokko galiidhaan gahuuf warra hojjetanii dha jedhama. Gama biraatiin ammoo, GGOn warra garee tokkotti hirkatan ykn garee tokkoon ijaaramanii dha jedhamee haasa’ama. Gareen jedhamu kunis akka hubatamutti ABO warra Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamu, kan yeroo baay’ee “Shanee”dhaan yaamamanii dha. Egaa, asirratti ololli gama lamaan deemu kun eessaa dhufe? Dhuggumatti dhaabbatni kun lamaan, OLC fi GGOn, kaayyoo walfaallessan qabuu? Akka waliin hin hojjetne kan isaan taasisu rakkoon hin beekamne jiraa? Maaliif yaamicha waliif godhan kabajuu dhiisan? Maaliif dhaabbata tokko waliin ijaaruu dhiisanii gara garatti uumaman? fi gaafiileen kana fakkaatan ka’uu danda’u.

Gaafiilee kaan akkuma jiranitti dhiisee, mee gaafii isa duraa: Ololli gama lamaan deemu kun eessaa dhufe? kan jedhu irratti yaada tokko tokko dhiyeessuun yaala. Ani akka hubannoo kiyyaatitti, Oromoota garee adda addaatti baaseen ilaala.

  • Tokkoffaa: Sabboontota warra Oroummaadhaan bilchaatan; kan uummata ykn/fi saba Oromootiif quuqaman garuu gama siyaasaatiin tooftaa fi tarsiimoof jedhamees haa ta’u kan walabummaa Oromiyaa ijaaruutti hin xiyyeeffanne; gaafiin Oromoo walfaanummaa Itoophiyaa sana keessatti deebii argachuu ni danda’a jedhanii warra amanan;
  • Lammaffaa: Sabboontota warra walabummaa Oromiyaa malee uummata Oromootiif furmaatni xumuraa (lasting solution) argamuu hin danda’u jedhanii amananii fi galii kanaaf hojjetan ykn qabsaa’an;
  • Sadaffaa: Oromoota kan hubannoo siyaasaa fi dammaqinsa gahaa hin qabne; karaa siyaasaatiin isa kamtu Oromoof gaarii akka ta’u ykn hin taane addaan baasanii hubachuu hin dandeenye; kan olola deemuu fi afaanfaajjiidhaaf saaxilaman; kan ijjannoo murtaaye tokko hin qabne fi k.k.f;
  • Afraffaa: Oromoota karaalee adda addaatiin diinotaaf hojjetan ykn diinota jala kaatanii isaan tajaajilan yommu ta’an, isaan kun yookaan dammaqinsa fi bilchina Oromummaa warra hin qabne yookaanis ammoo fedhii dhuunfaatiif jedhanii, warra uummata ofii gananii diinaaf meeshaa ta’an;
  • Shanaffaa: Oromoota warra sirumaayyuu dhimma tokko keessallee galuu hin barbaadne fi cillisanii jiruu dhuunfaa jiraachuu filatan; kan qabsoo kana keessatti gahee tokkollee hin taphanne fi qooda tokkollee hin gumaachine dha

Gareelee Oromoo armaan olitti tarreeffaman kanaa ala ammoo warri Afaan Oromoo sirriitti beekan garuu dhalootaan ykn dhiigaa fi fooniin Oromoo hin taane; maqaa Oromoo moggaafatanii dhimma Oromoo dubbachuu fi barreessuu irratti gahee guddaa taphachaa jiraniis jiru. Isaan akkanaa kuni fi Oromootni garee afraffaa keessa jiran warra dhimma Oromoorratti halkanii guyyaa olola hin qabatamne garuu akkaataa nama amansiisuun ykn afaanfaajjesuun uummata keenya sammuu naannessaa jiranii dha jedheen yaada, amanas.

Sabboontotni Oromoo keessa keessatti rakkoo walirraa qabaatanillee; waan tokko tokkorratti waliigalteen dhabamullee; erga uummata Oromootiif bu’aa tokko ni fidna jedhanii; wanti olola hin taane walirratti oofaniif sabani ni jiraata jedhee hin yaadu. Keessumaayuu yeroo ammaa kana keessatti diinatti xiyyeeffachuu dhiisanii walitti xiyyeeffachuun Sabbontota keenyarraa ni eegama jedhee yaaduun na rakkisa. Sababni isaan walitti mufachiisuu danda’u ykn malu olola garee biraatiin faca’u ta’uu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, olola akkanaatiif gurra kennuun dadhabbina guddaa dha; waan dabrerraa barachuu dadhabuu dha. Haala uummatani keenya keessa jiru dagachuu dha. Kuni ammoo sochii biyya keessatti deemaa jirutti gufuu ta’ee; qabaneessee diinni yeroo akka bitatu taasisa malee faayidaa hin qabu. Dhugaan kun hunda birattuu sirriitti hubatamuu qaba.

Sabboonaa ta’ee Oromoon walabummaa Oromiyaa hin hawwine ni jira jedhee hin yaadu. Haa ta’u malee, galiin yeroo dheeraa akkuma jirutti ta’ee, har’a Oromoon hunduu kan hatattamaan irratti hojjechuu qaban kaayyoo yeroo gabaabaa ta’uu qaba. Innis Wayyaanee nama-nyaataa kana hundeedhaa buqqisanii; uummatni keenya bilisummaadhaan hiree ofii akka murteeffatu taasisuu dha. Isa kanarratti asii fi achi jechuun hin jiru. Kanaafuu, kaayyoo ykn galii yeroo gabaabaa fi dheeraa jennee wal sakaaluurra tumsa waliif ta’anii diinarratti xiyyeeffachuun dirqama Oromummaa ti. Silaa akka hawwii kiyyaa otuu ta’ee; akkan yeroo baay’ee barreessaa turetti tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaatu humna jabaa uumuu danda’a ture. Garuu tokkummaan ani hawwu sun milkaayuu waan danda’u natti hin fakkaatu.

Jaarmayootni keenya walittibaqanii tokko ta’uu yoo hin dandeenye; Sabboontoni keenya dhaabbata ykn dhaaba tokko keessatti wal ijaaruun rakkisaa yoo ta’e, gara gara taa’anii gufuu walitti ta’uu dhiisanii waan waliin hojjechuu danda’anirratti tumsa waliif ta’uun qabsoo keenyaaf gargaarsa guddaa dha. Kanaafuu, akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsi ani dabarfachuu barbaadu; ilaaf ilaamee aadaa keenyaa bu’ura godhachuudhaan rakkoolee xixiqqoo jidduu jirtu akka aadaa Oromoo fi sirna Gadaatti furachuudhaan akka waliin hojjetan OLC fi GGO dhaaf dhaamsa Oromummaa dabarsuun barbaada. Isaan lamaanuu qabeenya Oromoo ti, lamaanuu Oromoof uumaman, lamaanuu beektotaa fi hayyoota Oromootiin ijaarman. Isaan lamaanuu diinni walqixxummaadhaan ittixiyyeeffata; isaan lamaanuu xiyyeeffannaa ololaa ti. Oromummaaf jedhanii waliigaluu qabu; waliigalteen yoo jiraate, tokkummaatu uumama; yoo tokkummaan jiraate, humnatu jabaata; yoo humni jabaate, injfannootu argama; yoo injifanne ABBAA BIYYAA ta’uu dandeenya.

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Alamu Semma Reply

    May 27, 2017 at 1:04 am

    Ilaalichaa kiyaa oromoo kessaattii wallii doorigommiinn hedduun baaribaachsaadha jeedhee amaanaa maalifii jeenaanii yoo akkaassii hin taanee gannaa 100 oli oromonot raafuu/ gabirromuu deemaa .kanaafuu waalii FB irraattii wallollloon baareedaa jedhee amaanaa !

  2. Nimoonaa Reply

    May 27, 2017 at 3:18 pm

    OLC_hangafaa fi kan kutaa hawaasaa hunda keessattuu humna dargaggoo kan hammatee fi hegeree saba keenyaa mijeessuuf sirritti bu’uura cimaa kan kaa ‘e yoo ta’e,
    GGO_kan jaarsolii hinaaffaan guutamaniin ijaarramee fi korrojaa malee bu’uura tokkollee kan hin qabneedha. Kaayyoon isaas Tokkummaa argamaa dhufe diiguuf ta’e jedhee kan dhaabbateedha. Karoorri isaaniis gabaabatti wixineen OLC irratti kaayaman kan bilisummaa saba keenyaa saffisiisuu dandahan akka hojirra hin oolle gufuu tahuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *