Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Hanisha Solomon’s Geerarsa [New Oromo Music]

Posted: Caamsaa/May 5, 2017 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (6)

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. sorsa Reply

    May 6, 2017 at 1:26 am

    Gerarsa addee Ilfuu keenya malee geersa dubartii akas nama kakaasee nama boochisu dhagaye hinbeeku.
    Hedduu galatoomi Hanisha keenya! Waaqayyo si haa ebbisu!
    Lafti bari’uu geesse hin dukanoofti jechaafi malee bilisoomuun waan hinoolle.
    Gadaa.com isinillee galatoomaa!

    • Hassan Abbaa Tiibbaa Reply

      May 7, 2017 at 10:41 pm

      Hanisha hedduu galatoomi. Akkas kunoo. Waan ajaa’ibaati. Otuu waan akkasii jiruu gadbahuuf turuun kee gaaffii guddoo
      dha. Haa ta’u malee yeroo dararamni ummata Oromoo garmalee jabaatee itti fufee jiruu fi Oromoon bilisummaa isaatiif
      qabsoo hadhooftuu geggeessaa jiru keessatti haala kana fakkaattuun as bahuun kee immoo isa dabre qofaa irratti walkomachuu otoo hintaane imimmaan geerarsi kun namatti fidu of irraa haxaawwachaa fuulduratti qabsoo diina irratti goonu finiisuutu nurra egama. Diinni keenya yeroo dha gara yerootti hojii manaa adda addaa nuu kennee afanfaajjii nutti
      ummuuf tattaafata. Fakkeenyaaf kan akka Finfinnee irraa dantaa addaa Oromoon argachuu qabaatu jechuun labsii baasuu fi kkf. Gowwoomsaa halagaa yeroon itti dabre akkasii kana irraa of eguun hedduu barbaachisaa dha. Geerarsi kunis dantaaf jecha akkasumas waan xixiqqoon dagamnee akka ergamtuu diinaa hintaane waan nu akeekkachiisuuf Oromoon waan biraa dhiisee
      kaayyoo bilisummaa cimsuun walfaana ka’uu qaba. Haala amma keessa jirru yoo sirriitti xiinxalle bilisummaaf qabsoo gochuu malee kan nu baasu hinjiru. Kanaaf diina ergamee Oromoo gidduu lohuu fedhu of irraa egaa qabsoo keenya haa jabeessinu.
      Hanisha irra deebiin galatni kee bilisummaa haa ta’u. Jabaadhu!

  2. Mirreessaa Reply

    May 7, 2017 at 12:51 am

    Ergaa Hin Dulloomne.
    Walleen Kun goonkumaa kan dulloomu miti . Waggootii dheeraa booda ille yoo dhaggeeffatame , mi’aan isaa hin irratu .
    Dhalootni bori dhalatan illee akka dhaggeeffatan shakkii hin qabu . Dhalootni bor dhalatanis itti boo’aaru . Seenaa wallee kanaas gaafatanii baruudhaafis ni carraaqu .
    Barreess/ituu / aa wallee kanaa fi Wallistuu keenyaan baga gammaddan jechuun fedha .
    Jiruu Dhalootatti Darbaa Jiraatu waan Gumaachitaniif . Baga Milkooftan .
    Galatoomaa

  3. Gaachana Reply

    May 8, 2017 at 1:06 am

    Hanishaa Solomon jechoota an ittiin ibsee fixu hin qabu!!! Hojiin ishee Fi quuqamni isheen lammii isheef qabdu hedduu kan nama boonsudha.

  4. Mihret Ittafaa Reply

    May 8, 2017 at 5:13 pm

    Ergaa Hin Dulloomne.
    Walleen Kun goonkumaa kann dulloomu miti . Waggootii dheeraa booda ille yoo dhaggeeffatame , mi’aan isaa hin irratu . Ergaan isaa nama keessatti hafee kan jiraatuu dha .
    Dhalootni bori dhalatan illee akka dhaggeeffatan shakkii hin qabu . Dhalootni bor dhalatanis itti boo’aaru . Seenaa isaanii akka qorataniif hedduu isaan dammaqsa . Seenaa wallee kanaas gaafatanii baruudhaafis ni carraaqu . Kanaatiifan jedhe ; Bulee ooluu irra darbee , kudhaama seenaa ta’uun kan yaadatamaa hafuu dha .
    Barreess/ituu / aa wallee kanaa fi Wallistuu keenyaan baga gammaddan jechuun fedha .
    Jiruu Dhalootatti Darbaa Jiraatu waan Gumaachitaniif . Baga Milkooftan !!
    Artistootni Oromoo bara hamaa fi dararamni Lammii keessanitti jigu , baayyinaan , lammii keessaanii waliin dhaabbattanii ergaa dabarsitaniittu . Welliistoota Oromoo kan dantaan isaan mo’eef illee dhaamsaa fi gorsa hedduu laattaniif .
    Hadha-qabeeyyummaan keessan fakkeenya ta’ee kann jiraatuu dha . Ulfaadha . !!

  5. Guutamaa Reply

    May 13, 2017 at 2:34 pm

    Walaloo akkanatti cimaa baroota as aanan kana argee hin beeku. Hanisha jechoota ittiin si faarsutu natti qaalawa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *